Oromo Sci-Tech

Oromo Sci-Tech Odeessaalee haaraa Teknooloojiin wal qabatan Afaan Oromootiin argattu! Baga nagaan gara fuula Oromo 'Sci-Tech'tti nagaan dhuftan. GALATOOMAA!!

Waa'ee peejii kanaa waan xiqqoo akka armaan gadiitti isiinii qooduu yaalla.
1. Odeeffannoo fi Barnoota gaggabaaboo Saayinsii fi Teknooloojii waliin wal qabatan kennuu.
2. Hirmaannaa fi hubannoo uummati Oromoo gama itti fayyadama interneetiitiin qabu dabaluuf.
3. Miidhaan hanqina hubannoo itti fayyadama interneetii dhabuun lammii keenyarra gahaa jiru guddaa waan ta'eef
Fkn
- Interneetiin qarshii h

umnaa ol fixuu
- 'Account'n keenya hack nu jalaa ta'uu
4. Beekumsa namoota dhimma kanaarratti baratan caalaa qabaanneef utuu hin taane namoota beekumsa isaanii nuuf hiran waan dhabneef, kanaafuu hammuma beeknurraa waliif hiruun gaariidha jennee yaadneeti
5. Barnoota barbaachisoo ta'anis waliif dabarsuudhaan, akkasumallee aadaa fi afaan keenya guddisuuf dirqama qabnu akka Oromoo takkootti bahuuf.
6. Of eeggannoo fi hubannoo itti fayyadama Intarneetii fi Teknooloojii biroo irratti barnoota laachuudha.
7. Dargaggoota Oromoo kalaqa gara garaa qaban gama dandeenyu maraan jajjabeessuu bu'uura godhatee kan banameedha fulli kun, isinillee fuula kana LIKE gochuudhaan, hiriyoota keessanis INVITE gochuudhaan akka odeeffannoo argattan akkasumas akka nu deggertan jenna.

Gareen 'Handala Hack Team' Iimeelii Daayirektara FBI butan  eenyu? Gareen 'Handala Hack Team' jedhamu bara 2023 A.L.A ir...
03/28/2026

Gareen 'Handala Hack Team' Iimeelii Daayirektara FBI butan eenyu?

Gareen 'Handala Hack Team' jedhamu bara 2023 A.L.A irraa eegaluun Waraana Israa'elii fi Gaazaa waliin wal qabatee kaafamaa ture. Gidduu kana immoo Dayaireektara FBI kan ta'e Kaash Paateel imeeliin dhuunfaasaa haakaroota Iraan waliin hidhata qabu jedhamaniin jalaa cabuu CBS News gabaase. Walumaa galatti waa'ee Haakeroota kanaa wanti beekamu:

- Waraana Saayibarii Ilaalcha Iraan deggeru hordofu waan deggeraniif mootummaa Iraaniin deggerama shakkiin jedhu hedduudha.

- Xiyyeeffannoon isaanii guddaan Odeeffannoo fi Iccitii Dhaabbilee Mootummaa fi Dhuunfaa akkasumas namoota dhuunfaa Mootummaa Ameerikaa fi Israa'el saaxiluu irratti xiyyeeffata.

- Akkasumas Waraana Saayibarii Xiin-sammuu geggeessuun beekamu.

- Iimeelii Daayirektara FBI kana irraa Odeeffaannoo 300 ol ta'u haa saaxilaniyyuu malee dhaabbata inni hojjetu kan balaaf saaxilu akka hin taanee fi odeeffannoo utuu inni gara hojii kanaatti hin dhufiin duraa akka ta'e FBI'n gabaaseera.

Odeeffannoo akkanaa argachuuf nu Like gochuun nu hordofaa!

Of Eeggannoo- Yaalii Hannaa ‘Facebook’⚠️Namoonni yookaan Fuulli ‘Facebook’ as jalatti tarreeffamtanii jirtaniifi; ergaan...
08/17/2021

Of Eeggannoo- Yaalii Hannaa ‘Facebook’⚠️

Namoonni yookaan Fuulli ‘Facebook’ as jalatti tarreeffamtanii jirtaniifi; ergaan fuulli ‘Facebook’ kee cufamuuf jedha jedhu fuula ‘Facebook’ ‘Identity Recovery Page’ jedhurraa isiniif ergamee dhugaa se’uun hidha(link) isiniif ergame tuqxanii jirtu yoo ta’e ‘Facebook’ keessan hatameera ta’a. Hattuu bartuu isin hattu kanarraa of eeggadhaa.

⛔️ Fuula kana Report gochuun akka cufamu taasisaa; of eeggannooo keessanimmoo cimsaa.
⛔️ Namoonni kaanimmoo of eeggadhaa; ‘share’ gochuudhaanis hiriyoota keessan qaqqabsiisaa.

Bilbila Namarraa Bituun Rakkoo Akkamii Nutti Fiduu Danda’a? ⚠️ Yoo dandeesse namoota hubannoo kana hin qabneef qooduudha...
08/08/2021

Bilbila Namarraa Bituun Rakkoo Akkamii Nutti Fiduu Danda’a?

⚠️ Yoo dandeesse namoota hubannoo kana hin qabneef qooduudhaan(share) gochuudhaan balaa irraa isaan oolchi!

Biyya keenya keessatti bilbila qaamni biraan itti fayyadame(used) walirraa bituun amaleeffatamaadha. Miidhaa bilbila namni itti fayyadamee(used mobile phone) qabu garuu namoonnis ta’e qaamni mootummaa yeroo dubbatan hin mullatu. Mee miidhaasaa akka kanaa gadiitti haa ilaallu.

1. Yakka yeroo gara garaatti bilbila sanaan hojjetame ati beekuu dhiisuu dandeessa; garuu utuu ati hin beekiin qaamni mootummaas ta’e biraan hordoffii sirratti taasisaa jira ta’a; bilbila sana waliin qabamnaan akka yakkamaatti rakkoo hedduuf si saaxiluu danda’a.

2. Bilbilli akkasii yeroo hedduu kan namoota jalaa hatameedha. Yeroo sitti gurguran IMEI (International Mobile Equipment Identity) bilbilichaa jijjiiraniiti gaafa kun ta’u immoo tajaajila dhaabbanni bilbilicha oomishe yero yerootti kennu hanga dhabuutti si gessisa darbees yakka ta’ee itti si gaafachiisuu danda’a.

3. Bilbilli namni itti fayyadame rakkoo gara garaa qabaachuu mala isaan keessaa ‘battery’ dadhabaa qabaachuu, rakkoo kuusaa(storage) akkasuma si basaasuu(spying) fi kan biroof si saaxiluu danda’a.

⛔️ Itiyoophiyaa keessatti rakkoo nageenyaa fi yakka gara garaan wal qabatee namoonni bilbila qaama biraarraa(used) waan bitatan qofaaf kan shakkii yakka raawwachuutiin himatamanii fi manneen hidhaa keessatti rakkachaa jiranii hedduudha.

Fallisaa hoo maali?

1. Hanga dandeessutti bilbila namni itti fayyadame hin bitatiin.

2. Yoo bitatte ammoo nama jalqaba bilbila sana yeroo jalqabatiif qabatee fi amantu irraa waraqaa odeeffannoo bittaa bilbila sanaa qabu (Warranty) fi iddoo bilbilichi bitame nama ragaadhaan siif dhiyeessu irraa bitadhu.

3. Bilbila haaraa yeroo bitattu ragaa waraqaa ittiin bittee agarsiisu malee hin bitiin.

Of Haa Eeggannu!

Galatoomi! ‘Share’ gochuudhaan Hiriyaa fi Namoota yaadduuf bira akka qaqqabu taasisi.

Oromo Sci-Tech

Konkolaataa Konkolaachisaa maleeKonkolaataan nama malee tajaajila mana-manaa namootaaf kennu yeroo jalqabaatiif hojjetam...
08/06/2021

Konkolaataa Konkolaachisaa malee

Konkolaataan nama malee tajaajila mana-manaa namootaaf kennu yeroo jalqabaatiif hojjetamuun Chaayinaatti hojii eegale. Kutaa hawaasaa dhibee COVID-19tiif saaxilamaa ta’an gargaaruuf shora guddaa akka qabutu ibsame.

Maddi: China Daily

'YouTube'n nu hordofaa!
11/14/2019

'YouTube'n nu hordofaa!

Chaanaalii odeeffannoo fi barnoota gabaabaa Afaan Oromoon irraa argattaniidha. 'Subscribe' fi 'Share' gochuun nu deggeraa.

'Telegram' dhaan Nu Hordofaa!
11/14/2019

'Telegram' dhaan Nu Hordofaa!

Uummata Oromoo Teknooloojii haaraa waliin wal barsiisuun kaayyoo keenya bu'uurati. Facebook m.facebook.com/oromoscitech

Teknooloojiin 'Robocops' jedhamu bu'aa hedduu gama sochii Tiraafikaa to'achuutiin buusaa akka jirutu dubbatama. Keessatt...
08/08/2019

Teknooloojiin 'Robocops' jedhamu bu'aa hedduu gama sochii Tiraafikaa to'achuutiin buusaa akka jirutu dubbatama. Keessattuu nuffii malee sochii Tiraafikaa sa'a digdamii afur(24) to'achuu, Wal qixxuummaan konkolaachistoota seera konkolaachisummaan ala oofan adabuu akkasumas kan seera cabsuun miliquuf yaalan illee gabaasuu dandeessi. Yeroo ammaa kana biyyoonni akka Chaayinaa, Ameriikaa, Indiyaa fi Ingilizii itti fayyadamuun sadarkaa duraa irratti argamu. Suuraan argitan kunis tajaajila 'Robocops' biyya Chaayinaatti kennaa jiru kan agarsiisuudha.

Maddi: Toora Intarneetiirraa

'Telegram'n keessan kan isiniif hojjechuu haala kanaan akka hojjetu godhadhaa!Tartiiba1. 'Telegram' keessan banuu qabdu,...
06/18/2019

'Telegram'n keessan kan isiniif hojjechuu haala kanaan akka hojjetu godhadhaa!

Tartiiba

1. 'Telegram' keessan banuu qabdu, kunis 'Daataa'/Quunnamtiin intarneetaa iddoo jirutti.

2. 'Setting' Seenna

3. 'Data and Storage'

4. 'Proxy Setting' kan jedhu gara xumuraa irratti argama itti aansuun 'ADD PROXY' bannaa. Isa banuun waantota kanaa gadi jiran dogoggora malee guunna.

- MTProto Proxy

- Server:
russia-dd.proxy.digitalresistance.dog

- Port
443

- Secret
ddd41d8cd98f00b204e9800998ecf8427e

Kana erga sirriitti xumurree booda mallattoo kana ✔ xuquun xumuruu keenya mirkaneeffanna. Rakkoo tokko malee 'Telegram' keessanitti Bohaaruu dandeessu kana booda. Gaaffii fi yaada yoo qabaattan nuuf barreessaa.

Galatoomaa.
Oromo Sci-Tech

- Fuula (Paje) Feesbuukii irraa qabdaniif hordoftoota baayyee argachuu feetuu?- Viidiyoo Yuutuubii irraa qabdan akka hed...
03/05/2019

- Fuula (Paje) Feesbuukii irraa qabdaniif hordoftoota baayyee argachuu feetuu?
- Viidiyoo Yuutuubii irraa qabdan akka hedduu daawwatamu feetuu?
- Beeksisa gara garaa akka 'Facebook' irratti godhachuu ni feetuu?
Kanaaf kan biroo gatii madaalawaa ta'een isiniif qabannee jirra. Yaadaa fi Gaaffii qabdan ni keessummeessina.

Nu Quunnamaa!
Contact Us!

Galatoomaa!

Akkamitti Bilbila Bade Argachuu Dandeenya?Bilbila nu jalaa hatame karaa ittiin argachuu dandeenyu muraasni ni jiru, isaa...
02/16/2019

Akkamitti Bilbila Bade Argachuu Dandeenya?

Bilbila nu jalaa hatame karaa ittiin argachuu dandeenyu muraasni ni jiru, isaan keessaa kan namoonni hedduun itti fayyadamanii fi hedduu jaallatamaa ta'e kana waliin haa ilaallu.

Utuu bilbilli keenya nujalaa hin hatamiin haal-dureewwan guutamuu qaban:
- Bilbilli banaa ta'uu qaba(Power On).
- Location(Kallattii) banuu qabna.
- Google Account (Gmail) bilbila keenyatti hidhame qabaachuu qabna.
- 'Data On' godhuu qabna. ( Quunnamtiin intarneetii jiraachuu qaba)

Erga badee booda maal goona?
- Hidha kanaa gadiirratti Appilikeeshina argamu kan 'FIND MY DEVICE' Jedhu (Download) buusaa. 👇
https://play.google.com/store/apps/details?id=com.google.android.apps.adm
- Applikeeshina kana banuudhaan 'Gmail' bilbila bade sanarra jiru tartiiba inni nu gaafatuun 'Password' isaa waliin galchina.

Sana Booda Yoo qaamni nujalaa hate sun osoo bilbila keenya hin cufiin yookaan waa takka hin godhiin qabatee jira ta'e waantota kanaa gadii gochuu dandeenya.
- Kallattii qaamni bilbila keenya hate jiru qabatamaatti arguu dandeenya.
- Yoo feene akka iyyu(Ring) gochuu dandeenya yoo 'Silent' irra jiraateyyuu, kunis akka bilbilichi keenya ta'e nuuf mirkaneessa jechuudha.
- Bilbila sana 'Restore' yookaan faayila hunda irraa balleessuu dandeenya.
- Password Ykn pattern feene itti gochuullee dandeenya.

Hub: Kana hunda gochuuf dirqama wantoota kanaa olii guutuu qabna. Waliif 'Share' gochuun wal barsiisaa.

Oromo Sci-Tech

Galatoomaa.

Address

Clifton Heights, PA
19018

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromo Sci-Tech posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Oromo Sci-Tech:

Share