02/08/2025
𝐆𝐀𝐑𝐑𝐀 𝐌𝐀𝐃𝐀𝐀,𝐄!
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
𝐎𝐛𝐬𝐚 𝐠𝐨𝐝𝐡𝐚𝐝𝐡𝐮𝐮 𝐝𝐮𝐛𝐛𝐢𝐢𝐬𝐢 𝐚𝐝𝐚𝐫𝐚!
Imaanaan dhalootuma isaa irraa eegalee qaama miidhamaadha.innis harkaafi miilli isaa lamsha'aa waan ta'eef,deemuu hin danda'u.Kanarraa kan ka'e erga dhalatee eegalee haati isaa mana keessatti wajjin rakkaataa jiraattiturte.Yeroo dheeraaf haala kanaan utuu wajjin dararamtuu,Imaanaan guddatee Dargaggeessa ta'e.Guyyaa tokko mana keessaa gadi bahuu akka barbaadu haadha isaatti himate.Haati isaas ilmikoo naa fayye jettee gammaddee bakka Inni ciisuu kaaftee harka isaa qabdee gadi baaftee mana jala teesifte. Imaanaanis guyyaa sana hedduu gammade. Sababnisaa guyyaa dhalaterraa kaasee gadi bahee ifa argee waan hin beekneef guyyaan sun isaaf guyyaa addaa ture. Akkasuma guyyaa itti aanus gadi bahee achuma taa'e.Qaamni isaa laamsha'e sun jajjabaachuu eegale.Haati isaa wayyaa'uu ilma ishee kana yoo argitu baay'ee gammadde.Innis guyyaa biraa mooraa sana ala bahuu akka barbaadu haadha isaa gaafate.Haati isaas qabdee gargaartee gadi baafte manatti ol deebite.Innis, Namoota,konkolaattota,manneeniifi wantoota garagara arguu isaatti hedduu gammadde ajaa'ibsiifate! Yemmuu gara manaa deebi'us waan arge kana haadha isaatti hime.Haati isaas hedduu gammaddee ammayyuu waanti ati hin argine hedduutu jira ilmakoo waaqni fayyaakee fiixaan siif haa basu jetteen.
Akkasumaan deddeebi'ee bakka sana taa'uu jalqabe.Yeroo inni achi taa'u mara fuullee isaatii mana CD'n gurguramu tokko ilaalaa oola.Achi keessa ammoo shammarree tokkotu jira.innis guyyoota hedduuf erga ishee achi keessatti ilaalaa ture booda,guyyaa tokko daandii sana qaxxamuree akka garashee dhaqu murteesse.Akkuma jedhes guyyaa tokko daandii sana qaxxamuree gara mana CD'n itti gurguramu sana dhaqe.Imaanaan Dargaggeessa simbo qabeessa ija namaati toluudha.Yemmuu inni achi gahu,shammarreen sun simannaa gooteefii maal si gargaaru ? jetteen ija isaa keessa ilaalaa.innis CD akka kennituuf gaafate.Tole jettee CD inni gaafate waraqaan martee kenniteef.Innis galatoomi jedhee fudhatee gara manaa deebi'e.Borumtas akkasuma dhaqe CD bitatee fudhatee galee kutaa ciisichaa isaa keessa ol kaa'ate.Fayyuun isaa kan itti toleefi garuu dhiphina qabaachuu isaa kan hubatte haati isaa rakkoon isaa hubachuuf gaafatte.Innis Intala sana irraa jaalalli akka isa qabe haadha isaatti himate.Haati isaas maal kun rakkoo maalii qabaree gaafdhu jetteen! Innis halkan kana guutuu yaadaa bulee ganamaan gara mana gurgurtaa CD sanaatti miilla fuudhe.Yemmuu achi gahu garuu ammas yaada isaa itti ibsachuu sodaatee CD sana bitatee gale.Isheenis akkuma duraan gootu waraqaadhaan martee kenniteef.Nagaan turi! jedhee biraa qajeele.Akkasiin ammas guyyaa biroo akka ishee jaalatu itti himuuf murteessee dhaqee.Garuu ammas humna ittiin itti ibsatu dhabee calluma jedhee CD bitatee gale.Utuu kanaan jiruu guyyaa tokko dhaqee erga CD bitatee booda, lakkoofsa bilbila isaa barreessee achi kaa'ee dafee ariitiidhaan achii deeme. Isheenis erga inni deemee booda waraqaa sana hiiktee yoo ilaaltu lakkofsa bilbilaa fi maqaa Imaanaa irratti argite.Silumayyuu karaa itti isa argattu barbaadaa waan jirtuuf, hedduu gammadde guyyaa kan biraa irratti bilbilte.Garuu bilbila sana namni kaasu hin turre.Irra deddeebitee yaalte bilbilli yoo irraa kaafamu,sagalee boo'ichaa dhageesse!,Helo Helo Imaanaadha mitii ? jetteen lakki imaanaa miti ana haadha isaati dhiifama Imaanaaan boqotee jira jetteen.Shamarreen sunis naasuun ofirra gadi teessee hirqinfattee bo'uu jalqabde.Sirna awwaalchasaa xumuranii gadda taa'uu eegalan.Guyyoota sagal booda haati Imaanaa gara kutaa ilmashee seentee ilaaluu eegalte.Waanti isheen argite baay'ee ishee ajaa'iba innis;CD hedduu waraqaan maramee walirra naqamee jiruudha.
Maali ilmikoo CD hamma kana eessaa guure ? Takka dhaggeefatee hin beeku jettee, tokko tokkoon CD sana hiiktee ilaaluu jalqabde.Tokko hiiktee yemmuu ilaaltu waan amanuu hin dandeenye keessatti argite,waraqaa xiqqoo barreeffamni "Imaanakoo baay'een si jaaladha jedhu keessaati argite.Sana lafa keesse CD kan biraa hiiktee yoo ilaaltu,"Imaanaakoo maalif garaa natti jabaatta ? Bar ani jaalalakoo siif ibsuu nan sodaadhe maaloo jaalalakoo simadhu jedha. Haadha imaanaa utuu hin beekin imimmaanni fuularra gadi lola'e.Ayii ilmakoo maal ta'a utuu CD kana hiiktee ilaalteetta ta'e jette,ammas kan sadaffaa yemmuu hiiktu, "Imaanaakoo kana booda jaalala keetiif jedhee sammuunkoo maraatummaatti dhiyaateera adaraa maaloo sin jaaladha naan jedhi! Natti hin boonin Imaanaakoo guyyaa ati CD bitachuu na biraa dhuftu hunda utuu ati na bira ta'aa oolte baay'ee natti tola,Garuu yemmuu ati nagaa natti dhaamtee deemtu qalbiinkoo si faana deemti ati garuu naaf hubachuu dadhabde adaraa barreeffamakoo kana ilaaltee hin callisin jedha. Haati imaanaa kan silaarra boossee mankaraartee imimmaaniin fuula of dhiqxe.Yaa ilmankoo jaalalaan hudhamtee miidhama jaalalaatiin boqottee jettee kutaasaa keessaa baatee adeemte.
Barreeffama kana dubbiftee yemmuun xumurtu,miirri gaabbii akka sitti dhagaa'amu hin shakku! Kanaafuu,nama onneekee keessaa sitti dhagaa'amaa jirtu/jiru sana waanumti ta'e haa ta'u,mala barbaadde fayyadamii jaalalakee ibsiif! Yaada namaas tilmaamaan dafii irratti hubadhu! Sodaadhaan miirakee ibsachuu dadhabdee, hudhamtee Eelaa jaalalaatiin hin miidhamin!
𝐒𝐡𝐞𝐫 𝐲𝐤𝐧 𝐥𝐢𝐤𝐞 𝐠𝐨𝐨𝐭𝐭𝐮 𝐦𝐚𝐥𝐞 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐛𝐮𝐤𝐤𝐞 𝐡𝐢𝐧 𝐝𝐚𝐫𝐛𝐢𝐢𝐧𝐞!