20/09/2022
“Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa Nageenya Uummata isaanii fi Birmadummaa biyyaaf aarsaa of godhanii halkaniif guyyaa hojjetaa jiran cina ni dhaabbanna!” jedhan dubartoonni Godina Wallagga Bahaa.
PB Godina W/Bahaa-Fulbaana 10,2015.
Godina Wallagga Bahaatti dubartootni aanaalee fi Godinaa qindoomuun Gootota Raayyaa Ittisa Biyyaa birmadummaa biyyaa kabachiisaa jiraniif galaa gootaa qopheessuun kennanii jiru.
Aadde Muluwarq Dirbabaa Itti Gaafatamtuun Waajjira Dhimma Dubartootaaf Daa’immanii Godina Wallagga Bahaa sagantaa qophii fi kennaa gala gootaa kanarratti akka jedhanitti dubartootni hojjettoota mootummaa sadarkaa godinaa fi aanaalee godina keenyaa walitti dhufuun gootota keenya nageenya biyya keenyaa mirkaneessuuf aarsaa kaffalaa jiraniif galaa gootaa gosa addaa addaa qopheessinee jirra jedhan. Gosti galaa qophaa'e kanaas, akaayii, makoroonii, Zayitii, Daakuu fi mi'eessituuwan addaa addaa ta'uu himan.Galaan Qophaa’e kunis kan itti fufu ta’a jedhan.
Obbo Waaqgaarii Nagaraa Bulchaan Bulchiinsa Godina Wallagga Bahaa gala gootaa qophaa’e kana fuudhuun Komander Alamuu Dhinsaa Itti Aanaa Kutaa Waraana Humna Addaa 13ffaatti kennanii jiru.
Sirna dabarsanii kennuu kanarrattis akka jedhanitti Humni shororkeessaa TPLF wayita ammaa marsaa sadaffaaf waraana birmadummaa biyyarratti bane qolachuuf gootichi Raayyaa Ittisa Biyyaa keenya aarsaa barbaachisu kaffaluun humna badii kana gatii kaffalchiisaa kan jiruu fi injifannoo gurguddaa galmeessisaa kan jiruudha jedhan.
Kanaan walqabatee ergamtuu juuntaa kan taate shaneen maqaa Oromoon dhaadataa hojii badii addaa addaa uummata Oromoorratti raawwataa jirti jedhan. Addumatti godina keenya keessatti dhala namaa qaluu,saamuu,Jumlaan ajjeessuu,akka horiitti ugguruun qarshii gurguddaa gaafachuun,kana bira darbees Dhalli Oromoo akka hin baranneef manneen barnootaa gubuufi bakka buufata waraanaa godhachuun gocha seenaa keessatti argamee hinkeene raawwachuun uummaticha doofummaa keessatti hambisuuf gocha diinummaa uummaticharratti raawwataa jira jedhan.
Ilmaan Sabaa kan ta’ee Humni Addaa Oromiyaas humna badii ergamtuu juuntaa taatee fi TPLF’n aangotti deebisuuf sochootuu kana uummaticharraa dhabamsiisuuf hojii boonsaa hojjetaa waan jiraniif galatatu malaaf jedhan.
Uummatni Keenyaas Humnoota garee badii kana gocha isaanii balaaleffachuun gama hundaan dhala isaa eebbisee RIBtti makuun dabalatee deggarsa yaadaa,qarshii fi gosaa gochuun aantummaa Qaamolee nageenyaaf qabu agarsiisaa jiraa jedhan. Akka godina keenyaattis uummatni godinichaa deggarsa marsaa kanaatiin hanga ammaatti sangaa 62,hoolota 35 fi qarshii miliyoona 2.3 walitti qabuu dandaa’aniiru jedhan.
Itti dabaluunis, guyyaa har’aa deggarsa Jaarmiyaaleen dubartootaa godinichaa godhan galateeffachuun cimee akka itti fufu ergaasaanii dabarsanii jiru.
Komander Alamuu Dhinsaa Itti Aanaa Kutaa Waraana Humna Addaa 13ffaa bakka kanatti argamuun galaa gootaa qophaa’e kana fuudhanii jiru. Sirna kanarrattis ergaa dabarsaniin galaan har’a qophaa’ee kun horii hamilee namatti horuu fi gocha dirree waraanaarratti godhamuu gadi akka hintaane ibsan.
Dhiibbaa alaa fi keessaa biyya keenyarratti duulame kana fashaleessuuf Raayyaan Ittisa Biyyaa fi qaamoleen nageenyaa biroo hundi aarsaa barbaadame kaffaluun nageenya uummata isaanii mirkaneessuuf cichoominaan hojjetaa jiru jedhan. Humni addaa Oromiyaas kutannoo Guddaadhaan Hawaasa isaa tajaajilaa jira jedhan.