Liibee Lookoo official

Liibee Lookoo official Kennaan guddaan Gorsa
↪️Badhaasani guddaan Jaalala
↪️Aangoon guddaan Of danda'uu dha.
️Lookoo on
(2)

31/03/2026
13/03/2026
30/11/2025
Dhiirri Haadha manaa isaa maal gochuu qaba erga fuudhees osoo hin fuudhinis gochoota kana dubbisaa.1 Haadha manaa kee ak...
09/03/2025

Dhiirri Haadha manaa isaa maal gochuu qaba erga fuudhees osoo hin fuudhinis gochoota kana dubbisaa.

1 Haadha manaa kee akka sirriitti jaalattuuf kabajju yeroo hundaa isheetti himi
2 Haadha manaa kee namni sitti aanee sitti aanee hin jirre waan hin jirreef yeroo hundaa kunuunfadha
3 Haadha manaa kee yeroo kamuu jajjabeessi, hin sobin.
4 Haati warraa kee haadha ishee deesseef abbaa ishee dhalche dhiistee siif kennamte, atis ishiif kennamuu kee yaaddee waan hundaa taataaf
5 Hawwii ykn fedhii ishii guutiif, dheekkamuuf hin ariifatin.
6 Balleessaa ishiin qabdu cimana ishiin wal bira qabii gorsi.
7 Hanqinaaf dadhabina ishee nama biroof hin odeessin.
8 Bakka bashannanaa yeroo yeroon geessuun filatamaadha.Sammuu ishee gammachiisi.
9 Shakkuuf hinaaffaa hin baay'isin.
10 Kenna jaalalaaf wannoota ishiin jaalattu raawwadhu.
11 Yeroo ishiin hojii hojjetu waanta siif salphatu gargaari.
12 Amala Haadha manaa kee daftee bartee waantoota ishiin jibbitu irraa of qusadhu.
14 Yoo Si mufachiiste daftee nama biratti hin himin iccitii haadha manaa kee eegi.
15 Haadha manaa kee malee fedhii foonii akka barbaadde gochuu gonkumaa hin dagatin.
16 Maatii haadha manaa kee kabaji, karoora gootu hunda ishees mariisisi.
17 Sagalee guddaaf dheekkamsoo itti hin baayyisin, ija ishee keessa ilaaluun dhungadhu.
18 Yeroo hundumaa kan koo qofa dhaga'i kiyyatu caala hin Jedhin,
19 Waantoota ishee gammachiisan gochuuf duubatti hin jedhin.
20 Mana Amantaa waliin deemuunis hedduu filatamaadha.🙏
Umurii dheeraa Haadha manaa Keessaniif
Galatooma
MMootii JaalalaaHHararge Oromia OHararge OromiaLLammii LɪɪʙᴇᴇLLiibee Lookoo official

KANA BEEKTUU LAATA ?⚫Namni tokko guyyaatti yaadota adda addaa kuma jaatamaa ol yaada. Wanti nama gaddisiisu garuu yaadot...
03/03/2025

KANA BEEKTUU LAATA ?

⚫Namni tokko guyyaatti yaadota adda addaa kuma jaatamaa ol yaada. Wanti nama gaddisiisu garuu yaadota kanneen keessaa baay'een isaanii kan isa fayyadan osoo hin taane kaallattiidhaanis tahe al kallattiin kan isa miidhaniidha.
⚫Dandeettii yaaduu sammuu isaa 10%_12% qofa itti fayyadame dhalli namaa (Shiiv keeraa).
⚫Haaloo qabachuun kan inni miidhu namicha sitti balleesse sana osoo hin taane si isa haaloo qabateedha.
⚫Raawwatee namni dogoggora hin uumne isa du'e qofa akka tahe beektaa? Garuu dogoggora irra deddeebi'uun immoo balleessaadha.
⚫Namni gahumsa g/galeessa qaba jedhamu tokko yoo xiqqate dandeettiiwwan adda addaa 500_700 qaba. (Riik Waaren)
⚫Namoota addunyaa irra jiran hunda keessaa kan bakka si buhuu dandahu hin jiru.
⚫Toomaas A.Ediisen ampuulii hojjechuuf yeroo yaalaa ture, yoo xiqqate si'a 10,000 ol dogoggora hojjeteera. Yeroo yaalu kanas utuu mana keessaa hin bahin guyyoota 8_9 mana cufatee tura.
⚫Biyyi Neezerland ykn Hoolaand biyyoota ifa aduu haalaan hin arganne keessaa ishee tokkoodha. Garuu oomisha midhaan nyaataan beekamtuudha. Akkamitti? Teknooloojii ammayyaa kan Giriin Haawus jedhamutti fayyadamuun haala hin mijanne haala mijataatti jijjiiruun oomisha ishee milkeessiti.
⚫Jeesii Liivermoor sooressa beekamaa ture garuu of ajjeesee du'e.
⚫Liwoon Fireejer sooressa beekamaa ture innis of ajjeesee du'e.
⚫Namoonni ji'atti daqiiqaa 30f isport hojjetan namoota homaa sochii hin goone caalaa 43% umurii dheeraa jiraachuu danda'u.
⚫Onneen keenya yeroo 103,680 akka dhikkifattu ykn waggaa tokko keessatti yeroo 37,843,200 akka dhikkifattu.
⚫Onneen keenya dhiiga gaaloonii 4,300 akka raabsitu kan godhu yoo tahu kunis bara jireenya keenyaa keessatti baarmela biliyoona 13 guutuu danda'a.
⚫Dhiigni keenya kaappilaarota km 960,000 dheeratan keessa yeroo 1,450 akka naannawu godha.(kanan dubbiserraa)

Oolmaa har'aati!!1, Pireezidaantii Faransaay nageenya Awurooppaa eeguuf Ameerkaa eegu hin qabu. Biyyoonni Awurooppaa nag...
08/11/2024

Oolmaa har'aati!!

1, Pireezidaantii Faransaay nageenya Awurooppaa eeguuf Ameerkaa eegu hin qabu. Biyyoonni Awurooppaa nageenya keenya eeguu irratti xiyyeeffachuu qabna jachuun dubbatan kun yeroo Sochiin Raashiyaa jabaatetti dhagahame.

2, Pireezidaantii Ameerkaa Donald Trump baqqattoota hayyama seeraa hin qabne Ameerkaa keessaa baasuun imaammata isaa jalqabaafi kan godhuun salphaadha jachuun dubbateera. Kana jachuun baqqattoonnii Oromoo kumaatamaan lakkaawamu kan waraaqaa seeraa hin fudhatiniif rakkoodha. Imaammanni kun akka haqamuuf dhiibbaa uumuu keessattuu karaa dhimmoota mirga namoomaaf falman waliin hojjachuun dhiibaa gochuun hanga danda'e imaammatni kun akka jijjiiramu yaaluudha. Yaa Oromoo kiyya Rabbiin isin cinaa haa dhaabbatu!!

3, Biyyi Ispeen seenaa ajaa'ibaati hojjatte. Dooniileen waraana IZra"ael lama kan meeshaa waraanaa fi dhiyeessii waraana IZra"ael dhiyeessan buufata dooniilee Ispeen akka hin fayyadamne uggurte kun Awurooppaa keessatti ta'uun isaa tarkaanfii gaariidha.

4, Lammiilee IZra"ael Awurooppaa keessa jiraatan yaaddoo nageenya keessa galaniiru. Akkasumaa Neezarlaandii keessatti Ambaasaddar IZra"ael fi Lammiilee IZra"ael ukkamfamuun yaaddoo uumee jira. Gocha suukkanneessaa Gaa-zaa keessatti IZra"ael raawwatteen wal qabatee sadarkaa Idil-Addunyaatti IZra"ael dhala namaaf naasuu hin qabdu jachuun yeroo gara garaatti dhagahamee jira. Lammiilee IZra"ael baraaruuf Telhabiib irraa xiyyaarri lam gara Awurooppaa ergamuun hagsm dubbiin akka jabaate akeeka.

5, Donald Trump waraana Gaa"zaa fi Yuukireen akkuma White House seeneen sa'aa 24 waan hin caalle keessatti dhaabsisa jachuun dubbateera. Dhimmi kun ijoo miidiyaalee Addunyaa ta'eera. Haala kamiin waraanni kun dhaabbata kan jadhu irratti xiinxaltoonni yaada gara garaa dhiyeessaa jiru. Dubbiin kan Raashiyaan hariiroo gaarii Donald Trump waliin waan qabduuf simachuutu gsbaafamaa jira. Yuukireen ammoo yaaddoo qabdu ibsaa jirti.

6, Rakkoo Oromiyaa nageenyaafi Rakkoolee bulchinsa gaarii wal qabatee Aanaalee fi Araddaalee Oromiyaa keessatti mudachaa jiru mootummaa Naannoo fi Federaalaa haarawoomsa gadi fagoo gaggeessuun furmaata itti laachuu qaba kan jadhu odeessaalee guyyaa har'aati...🙂

02/11/2024

Address

LOOKOO
Meyu

Telephone

+251919391894

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Liibee Lookoo official posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Liibee Lookoo official:

Share