Gadaa information

Gadaa information Custom

Pireezidaantiin Turkii Xaayib Erdoogaan, gita isaanii kan Gamtaa Arabaa Eemireetotaa waliin rakkoo Gaazaa, Somaaliyaafi ...
07/01/2026

Pireezidaantiin Turkii Xaayib Erdoogaan, gita isaanii kan Gamtaa Arabaa Eemireetotaa waliin rakkoo Gaazaa, Somaaliyaafi Yaman irratti bilbilaan mari’atan

Finfinnee, Amajji 06, 2026: Pireezidaantiin Turkii Xaayyib Erdoogaaniifi Pireezidaantiin Gamtaa Arabaa Eemireetotaa (UAE) Sheek Mohammed biin Zayed Al Nayan rakkoo gargaarsa namoomaa Gaazaa, akkasumas haala nageenyaa fi tasgabbii Somaaliyaa fi Yaman irratti wiixata kaleessaa bilbilaan mari’achuu isaanii Daarikterri Komunikeeshinii Turkii ifoomse.

Ibsi waajjira kominikeeshinii Turkii irraa bahe akka muldhisutti, hoggantoonni lamaan dhimmoota naannoo fi idil-addunyaa yeroo ammaa xiyyeeffannoo ol'aanaa argatan irratti yaada wal jijjiiruun, Pireezidaanti Erdoogaan biyyi isaanii Turkiin abbaa biyyummaa, tokkummaa fi qulqullina naannoo Somaaliyaafi Yaman cimsitee akka deeggartu mirkaneessaniiru.

Akkasumas Erdoogaan, Ankaaraan tattaaffii nagaa fi tasgabbii biyyoota lamaanii mirkaneessuuf taasifamu keessatti gumaacha akka gootu fi qophii guutuu akka qabdu ibsanii, Turkiin marii siyaasaa fi tarkaanfii dippilomaasii karaa nagaa irratti hundaa’e deeggaruun rakkoolee yeroo dheeraaf ture furuuf qooda fudhachaa turte jechuun eeraniiru.

Mariin bilbilaa kun kan gaggeeffame yeroo hariiroon diplomasii Turkiifi Gamtaa Arabaa Eemireetotaa (UAE) waggoota darban keessa wal-xaxaa ture booddee fooyya’aa jirutti yoo ta'u, biyyoonni lamaan waggoota dhiyoo as walitti dhufeenya isaanii deebisanii cimsuuf marii fi daawwannaa sadarkaa ol'aanaa gaggeessaa turuun isaanii nii yaadatama.

 : Ministirri Dhimma Alaa Israa’el daawwannaaf Soomaaliilaandi seenan jedhame Finfinnee, Amajji 06, 2026: Israa’el Sooma...
07/01/2026

: Ministirri Dhimma Alaa Israa’el daawwannaaf Soomaaliilaandi seenan jedhame

Finfinnee, Amajji 06, 2026: Israa’el Soomaaliilaandiif beekamtii biyyumama kennuu hordofee Ministirri Dhimma Alaa Israa’el Geediyoon Saa’aar harra Magaalaa Hargeessaa gahanii jiran jedhame.

Maddoota Soomaaliilaandi waabeffachuun i24NEWS akka gabaasetti, Geediyoon turtii daawwannaa isaanii Soomaaliilaanditti taasisaa jiraniin Pireezidaantii biyyatti Abdirrahimaan Mahaammad waliin wal arguuf jiru jedhameetu eegama.

Lameenuus masaraa mootummaa biyyattii keessatti ibsa akka kennanis eerameera. Maddi Diiploomaatii kun akka ibsetti daawwannaan kun walitti dhufeenya waloo Israa’eliifi Soomaaliilaandi jidduu jiru cimsuuf kan kaayyeffatedha.

Haa ta’u male haga yoonaa Israa’el dhimma kana irratti waanti ibsite hin jiru.

Murteen daawwannaa kun Israa’el erga beekamtii biyyummaa Soomaaliilaandiif kennitee as isa jalqabaati jedhameera. Maree gaggeessitoonni lamaan taasisan ilaalchisees odeeffannoon ifaan ibsame hin jiru.

Hoogganaan Abbaa Taayitaa Sabaa - himaa Itoophiyaa taayitaasaaniirraa kaafaman Finfinnee, Amajji 05, 2026: Hoogganaan Ab...
05/01/2026

Hoogganaan Abbaa Taayitaa Sabaa - himaa Itoophiyaa taayitaasaaniirraa kaafaman

Finfinnee, Amajji 05, 2026: Hoogganaan Abbaa Taayitaa Sabaa - himaa Itoophiyaa Saamsoon Mokonnon (PhD) itti gaafatama isaaniirraa kaafamuun ibsameera.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walgahii idilee saddeettaffaa boruu gaggeessuunis kaadhimamaa Abbaa Taayitichaa gaggeessuuf dhiyaate muudama isaa ni mirkaneessa jedhameetu eegama.

Waggaa darbe Muummee Ministiraan kan muudaman Saamsoon Mokonnon maaf akka aangoo isaaniirraa kaafaman waanti ibsame hin jiru.

Muummeen Ministiraa Abiy xalayaa muudamaa kaleessa Miseensota Mana Maree Bakka Bu’ootaaf erganiin Saamsoon akka Aadde Hayimaanot Zallaqaan bakka buufaman jechaan dhiyeessuu Gaazexaan Riipoortar Itoophiyaa gabaaseera.

Aadde Hayimaanot haga dhiyeenyaatti Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Itti Gaafatamaa Dhimma koomunikeeshinii ta’uun tajaajilaa ka turan yoo ta’u, kana maleesa isaan dura Ministeera Dhimmoota Koomunikeeshinii Mootummaafi Tajaajila Oduu Itoophiyaa keessas hojjetanii jiran.

Saamsoon Mokonnon muudamuu isaaniin durattis Yuunivarsitii Finfinneetti barsiisummaa, Itti Aanaa Koomunikeeshinii fi Qunnamtii Idiladdunyaa dhaabbatichaa akkasumas Gargaaraa Piroofeesaraa dhimma gabaa fi koomunikeeshinii Yuunivarsitii Finfinnee ta’uun hojjetaa turaniiru.

Taphataa ol adeemaa biyyaafi kilabasaa boonsaa jiru.   Liigii Itiyoophiyaa   ፕሪሚዬር ሊግ  Premier League Daawwit Kaasaawu, ...
04/01/2026

Taphataa ol adeemaa biyyaafi kilabasaa boonsaa jiru.

Liigii Itiyoophiyaa
ፕሪሚዬር ሊግ
Premier League

Daawwit Kaasaawu, Tapha Gulaallii Waancaa Afriikaa Umrii 17 gadii Zoonii 'CECAFA' irratti garee biyyaalessaaf hiriiruun goolii 8 galchuun ni yaadatama.

Biyya isaas Waancaa Afrikaaf dabarseera.

Gahumsa taphataa ol adeemaa kanaa kan arge Kilabni Magaalaa Shaggar, taphaticha mallatteessifachuunis ni beekama.

Daawwit, yeroo jalqabaaf har'a taphattoota filannoo jalqabaa garichaa keessatti hammatamee hiriiruun, gooliisaa jalqabaa kilaba Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa irratti galche.

Goolii hawwataa galche kanaafi gahumsa agarsiisaa tureenis, taphataa cimaa taphichaa ta'uun filatame.

Isin gahumsa taphataa ol adeemaa kanaa akkamiin taajjabdan?

04/01/2026

Address

Dire Dawa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gadaa information posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Gadaa information:

Share