17/02/2024
?
Yaaddessaa Booji’aa: Dizaayinii alaabaa Gamtaa Afrikaa hojjete
**********
Gaazexaa Bariisaa
Alaabaa Gamtaa Afrikaa amma tajaajilarra jiru dizaayiniisaa kan hojjete Artiisti Yaaddessaa Zawugaa Booji’aati.
Hojiiwwan giraafiiksii hojjete keessaa tokko Alaabaa Gamtaa Afrikaati. Alaabaan inni hojjetes hojii dizaayinaroota guutuu addunyaa 116 keessaa dorgomee injifateera.
“Akkan injifadhu kan na taasise ergaasaati. Magariisni Afrikaan qabeenya uumamaatiin badhaatuu ta’uushee mul’isa, urjiileen biyyoota kan bakka bu’an yoo ta’u, aduun ammoo Afrikaan kolonii jalaa baatee ofiin of bulchaa jiraachuu mul’isa” jedha.
Yeroo sanatti, injifachuusaatiin doolaara kuma 10 akka argateefi hoggantoota biyyoota Afrikaa 54 wajjin walarguuf carraa argachuu kan dubbatu Yaaddessaan, qarshii argate caalaa seenaa hojjetetti akka boonu hima.
BARIISAA SANBATAA Amajjii 28 Bara 2014