Najibo Mahammed Adam

Najibo Mahammed Adam "Information is knowledge"

21/08/2026

Quran

🕌 JUM’AA MUBARAK 🌙🤲Jum’aan guyyaa kabajamaa fi barakaa qabuudha. Guyyaa kana keessatti qalbii keenya gara Rabbii keenyaa...
21/08/2026

🕌 JUM’AA MUBARAK 🌙🤲

Jum’aan guyyaa kabajamaa fi barakaa qabuudha. Guyyaa kana keessatti qalbii keenya gara Rabbii keenyaatti deebifnee, salaata, du’aa’ii fi zikrii baay’isuun, Nabiyyii Muhammad ﷺ irratti salawaata buusuun gaarii dha.

Rabbiin keenya guyyaa Jum’aa kana rahmata, araaraa, nagaa fi barakaa isiniif haa buusu. Du’aa’ii keessan haa qeebalu, rakkoo keessan haa furu, maatii keessan haa eegu, jireenya keessan immoo kheyr fi barakaan haa guutu.

اللهم صل وسلم على نبينا محمد ﷺ

🌹 Jum’aa Mubarak isiniif haa ta’u! 🤲
Rabbiin guyyaa keenya kan araaraa fi barakaa nuuf haa godhu. Aamiin.

Najiib Mahammed

Kamisaa Boruu Muharram 10. Boruu Guyyaa Aashuuraa ti.Kanaaf Guyyaa Aashuuraa kana soomanuun badiilee keenya xixxiqoo wag...
24/06/2026

Kamisaa Boruu Muharram 10.

Boruu Guyyaa Aashuuraa ti.

Kanaaf Guyyaa Aashuuraa kana soomanuun badiilee keenya xixxiqoo waggaa dabre keessatti raawwanne cufaaf Rabbiin irraa araarama akka nu gonfachiiftu Ergamaan Rabbii ﷺ nu barsiisanii jiru.

Sababni guyyaa kana soomaniif maali?

Ergamaan Rabbii ﷺ Yeroo gara Madiinaa deemanitti yahuudotni guyyaa takka yommuu soomanan argan. Guyyaa har'a Maaliif soomantu? Jechuun Sababa itti soomaniif gaaffatan. Yahuudotnis “Guyyaa Rabbiin Muusaa fi ummata isaa sirna bittaa Fir’oownaa jalaa bilisa itti baase akkasumas guyyaa Fir’oownii fi tuuta isaa bahriin itti liqimfamanii dha” isaaniin jedhan.

Yeroo kana Ergamaan Rabbii ﷺ Muusaaf isin irra nutu itti dhihaata bar" jechuun guyyaa sana soomanii hordoftootni isaanis akka soomanaan ajajan.

Soomanni Aashuuraa soomanuun dirqama miti. Sunnaa dha. Sunnaa mindaan ishee guddaa tahee dha.

Yoo dandeenye haa soomannu. Yoo soomanuu hin dandeenyee immoo SHARE gochuun wal haa yaadachiifnuu!

Arsenal Miss out on Champions
30/05/2026

Arsenal Miss out on Champions

28/05/2026

ቦረናዎች እንኳን ደስ አላችሁ
Warri Boranaa Baga Gammaddan!!

ኢድ ሙባረክ!Eid  Mubarek!እንኳን ለኢድ አል አደሃ(አረፋ) በዓል በሰላም አደረሳችሁ!Warra baranaa kan bara kan bara hegaree!!
27/05/2026

ኢድ ሙባረክ!
Eid Mubarek!
እንኳን ለኢድ አል አደሃ(አረፋ) በዓል በሰላም አደረሳችሁ!
Warra baranaa kan bara kan bara hegaree!!

Address

Boke Guddo High School
Boke T'ik'o

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Najibo Mahammed Adam posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share