29/03/2019
Seenaa Ulamaa'ii Biyya tenyaa, Hagam takka Quba Qabdu?!
Ulamaa'ii biyya tenyaa keysaa Aalimni sheikh ahmad Basiiraa ja'amu Ilmii (barnoota) islaamaa barachuuf, Harargeerraa ka'ee miilaan jimma dhaqe. Waan ajaa'iba sitti tahu, sheekhni ijaan hin agaru! Namaatu ulee/baakkoraa isaanii qabee isaan harkisa. Gaafa jimma gayan namni isaan harkisu kun waan sheekhni duubaan miilarra isa ejjatuuf, torbee 2 caalaadha dhukkubsate.
-
Sheikh hassan namni ja'amuus yaroo darasummaa turetti, gaafa tokko ijoollee daa'ima 2 wajjiin waan nyaatan dhaban. Guyyaa meeqaaf osoo waa takka hin nyaatin jiraatan. Erga beelti isaan halaaktee booda sheekni rabbi kadhate. Rabbiiniis isaaniif dirmate. Nama sheekhni agaree hin beekne tokkootu bachoo pheestaala/miiqqaa 2 isaanii kennee kute. Yaroo sheekni nama kana baruuf ala bahu, hanga libsuu ijaatti, gurbaan dhabamee jira!
-
Sheekhni kiyya tokkoos (sheikh usmaan durrii) yaroo darasummaa turetti, Halkan takka waan ibsatu (battery) dhabee, dukkana osoo deemaa jiruu sareen isa jala kaate. Osoo saree dheeysuu sareen isa dhaqqabdee, lafaan isa dhooyte. Boodarra intalti kiristaanaa takka dhuftee saricha isarraa dhoorkite.
Inniniis akkuma masjiidatti galeeni, Rabbi kadhate.
Akkas ja'e!
Yaa rabbi waaniin ibsadhu takka naaf bituu dadhabdee ?! Ganama osoo hin turin rabbiin isaaf bite. Intala saree isarraa dhoorkite saniis isaatu amansiise!
Ulamaa'iin tenya seenaa akkanaa, tan tanarra nama ajaa'ibdu qaban. Garuu wanni nama ajaa'ibu nuti dhaloonni ammaa seenaa isaanii beekuu dhabuudha. Hadaraa seenaa ulamaa'ii tenyaa haa qorannuu. Social media gubbatti haa maxxansinuu. Share waliif goonee waliif haa dabarsinuu.
Qop: Hamza Abdulhakim..
Share gootan malee bira hin dabrinaa!
SHARE.. Share.. SHARE..