09/01/2026
Hayyuu Oromoo Sibila Afaan Amaariiffa Barsiise: Injiner Ayyanaa Birruu
Bara 1930moota keessa… Addunyaan gara qaroominaatti fiigaa jirti. Teeknooloojiin harka warra lixaa (Westerners) jira. Maashiniin "Typewriter" jedhamu, qubee Laatinii qofaaf tolfamee, afaanota biroo balleessee bira darbuuf qophaa’e.
Garuu, lafa magariisa Horroo Guduruu Wallaggaa, Oromiyaa irraa dargaggeessi tokko ka’e. Maqaan isaa Ayyanaa Birruu dha.
🧠 Sammuu Yeroo Isaa Dura Dhalate
Yeroo namni hedduun "maashiniin kun afaan keenyaaf hin ta'u" jedhanii harka kennan, Injiner Ayyanaan garuu "Lakki!" jedhe. Hojii ulfaataa, kan hayyoonni Awurooppaa iyyuu "hin danda'amu" jedhan, ni danda'e. Maashinii dhiphoo sana keessa qubeewwan biyyaa isaa galchuuf sibila hiikee, sibila hidhe. Xumura irratti, sibilii ni dubbate! Pirojektiin isaa kun afaanichaaf "arraba meekaanikaa" isa jalqabaa kenne.
Hayyuu Qofa Osoo Hin Taane, Goota Bosonaas
Qaroominni isaa, biyya jaalachuu isaa irraa dhufe. Yeroo Faashistiin Xaaliyaanii biyya weerartu, Injiner Ayyanaan maashinii isaa qofa osoo hin taane, qawwee isaas kaasee bosona gale. Garee Oromoo waliin ta’uun, diina biyya isaa irratti dhufe ofirraa qolachuuf lubbuu isaa qabsiise.
(The Legacy)
Har'a, yeroo nuti 'keyboard' tuqnu, keessumaa yeroo afaan amaariffaa barreeffamuu,yeroo teeknooloojii fayyadamnu, daandii inni saaqetu as ga'e. Kabaja isaafis Finfinnee keessatti daandiin "Engineer Ayana Biru Street" jedhu moggaafamee jira.
Inni, nama sibila amansiisaniidha. Eng Ayyaanan, hayyuu dhalootaaf daandii saaqaniidha.
Seenaan akkasii hin dhokatu! 🕯
❤️ Gootummaa isaa kabajuuf 'Like' godhaa.
🔄 Seenaan kun akka hin badneef 'Share' gochuun dhaloota barsiisaa.
➕ Seenaawwan dhokatoo biroo argachuuf Adoni Creatives hordofaa.
Tiktok account keenya hordofuuf creatives jechuun argattuu