Afaan Teekinooloojii

Afaan Teekinooloojii Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Afaan Teekinooloojii, Information Technology Company, WKU, Addis Ababa.

24/12/2024

Sora OpenAI

OpenAI dhiheenya kana, moodeela AI sadarkaa olaanaan barreeffama , suuraa fi viidiyoo gara qabiyyee viidiyoo haaraatti jijjiiru jalqabeera. Maqaan isas Sora OpenAI jedhamuun beekama. Sora fayyadamuun fayyadamtoonni viidiyoo hanga sekondii 20 dheeratu qulqullina fi reeshiyoo adda addaatiin uumuu waan danda'aniif, uumamtoota qabiyyeedhaaf(Content Creator)'f meeshaa baay'ee fayyadu danda'u ta'era.

Amaloota Ijoo Soraa:
Barreeffama-gara-Viidiyoo: Yaada kee salphaatti jireenyatti fiduudhaan, barreeffamaa salphaa irraa gara viidiyoo dhugaa fakkatu(realistic) tti fida.

Sochii Suuraa(Image Animation): Suuraalee kee gara qabiyyee viidiyoo daayinamikiitti jijjiiruun sochii itti godha.
kanas MIT-gamagamuun dhugaa ba'aan!

Video Remixing: Viidiyoowwan jiran fooyyessuu fi walitti makuun qabiyyee addaa fi hawwataa ta’e uuma.
kanas MIT-gamagamuun dhugaa ba'aan!

Sora fayyadamuuf yeroof bilisan hin danda'aumu, maallaqa galchuutiin kan dhaqqabamu yoo ta'u, fedhii fayyadamtoota adda addaa guutuuf haala jijjiiramaa dhiyeessa.

Telegram-https://t.me/afaan_technology

Foon sinteetikii(Synthetic) Foon sinteetikii, 'foon aadaa' ykn 'foon qulqulluu' jedhamuunis kan beekamu, gosa foon yoo t...
23/12/2024

Foon sinteetikii(Synthetic)

Foon sinteetikii, 'foon aadaa' ykn 'foon qulqulluu' jedhamuunis kan beekamu, gosa foon yoo ta'u, bineeldoota guutuu fayyadamuu dhiisee, seelii bineeldoota fayyadamuun Laaboraatorii keessatti kan guddatudha. Eeyyee, sirriidha! Wanti akkasii jira, fedhiin foon dhiyeessii caalaa baay'ee dabala waan dhufef yeroo dhiyootti addunyaa guutuutti ni rabsama jedhame yaadama, rakkoo dhiyeessi kana furuu fi bineensota baraaruuf yaadni foon namtolchee jalqabame. Yaadni gosa qonna seelii kanaa jalqaba bara 2000moota keessa beekama ture. Boodarra bara 2013tti, yaadni foon sinteetikii kanaaf ragaa ta'ee, paatiin burger(Burger patty) Laaboraatorii keessatti hojjetame inni jalqabaa akka ragaatti dhiyaateera.

https://t.me/afaan_technology

6G Riikoordiin addunyaa haaraan daataa sarara malee 5G caalaa dachaa 9000 saffisa qabu galma'eera! Qorattoonni daataa sa...
23/10/2024

6G

Riikoordiin addunyaa haaraan daataa sarara malee 5G caalaa dachaa 9000 saffisa qabu galma'eera!

Qorattoonni daataa sarara malee dabarsuu irratti rikoordii addunyaa haaraa galmeessaniiru, saffisa sekondii tokkotti giigaabit 938 galmeessaniiru(938GB per second) – kunis tilmaamaan dachaa 9,000n saffisa neetworkii bilbila 5G amma UK keessatti argamu ni caalaa jedhame.

Argannoon haaraa kun bara qunnamtii karaa teeknooloojii dhaloota itti aanuu 6G kan agarsiisu yoo ta’u, waggoota kurnan dhufan keessatti daldalaaf ni bobba’a jedhamee eegama.

Qorattoonni UCL Electronic & Electrical Engineering yeroo jalqabaaf teeknooloojii raadiyoo fi optikaalaa walitti makuun odeeffannoo karaa friikuweensii raadiyoo baayyee bal’aa ta’een dabarsuudhaan rakkoo kana irra aananiiru. Bu'aan qorannoo haaraa The Journal of Lightwave Technology irratti maxxanfame irratti ibsameera.

https://t.me/afaan_technology

   -1(Teekinooloojii)Nagaan hunduma keessaniif haa ta'u jaallatamoo hordoftoota page kana. Har'a jalqaba guyyaa pagen ku...
05/01/2023


-1(Teekinooloojii)

Nagaan hunduma keessaniif haa ta'u jaallatamoo hordoftoota page kana. Har'a jalqaba guyyaa pagen kun itti banamee fi guyyaa itti kutaa tokkoffaa Afaan Teekinooloojii itti ilaalludha. Guyyaa har’aa Teekinooloojii jechuun waan baay'eedha. Jechi 'teekinooloojii' kan inni sammuu keenya keessa fidu yeroo baay'ee meeshaale akka laptooppii, bilbila fi tabileettifaadha. Akkasumas akka waa'ee Intarneetii, daataa fi adduunyaa injineeriingii akka ilaallu godha. Hiika isaa kitaaba irraatiin faayidaa beekumsa saayinsaawaa gara hojiitti hiikaame jechuudha.
Teekinooloojii jechuun faayidaa beekumsa saayinsaawaa gara hojiitti kara dhala namaatiin dhufeedha; yeroo tokko tokko jijirama(change) nannoo dhala nama jedhaama. Teekinooloojiin qajeelfama saayinsii fayyadamuun industirii fi nannoo namoonni irra jiraatan kan foyyessudha. Nannoo namoonni irra jirataan irratti rakkoo baay’een yeroo dheeraadhaaf kan mul’atudha. Argamun rakkoowwani immoo teekinooloojiin uumamuu fi guddachaa dhufuudhaaf sababa ta'eera. Kunis akkuma namni rakkoo isaa waliin wal’aansoo fi qabsoo garaagaraa geggeessaa dhufe wantoota rakkoo sana ittin furu gumaacha dhufuun guddinaa teekinooloojiitiif sababa isa jalqaabati.
Teekinooloojiin gosa garagaraa lama qaba

Teekinooloojii faayidaa isaatinis ta'e diizaayinii isaatin bifa salphaa qabudha. Innis rakkoo guyyaa guyyaatti nu mudatu furuuf maashinii sasalphaa fayyadamuudha. Fkn: puulii, wiilii, fonqolcha fi kkf dha.

Qajeelfama saayinsii fayyadamuun rakkoo fayyaa keessatti nu mudatu fufuudhaan walqabata. Fkn: raajii, altiirasawundii, siitiskaanii fi kkf.
Kutaa tokkooffaan waa'ee Teekinooloojii qabaanne kana fakkaata. Kutaa lammaffaadhaan hamma wal arginutti yeroo gaarii.

Address

WKU
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Afaan Teekinooloojii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share