01/11/2025
Kaayyoon qormaata haammata gahumsaa (competency framework) qaawwaa dandeettii raawwachiisummaa hojjataa mootummaa adda baasuudhaan carraa leenjii mijeessuuf dha jedhameera.
BPSMQNO~Onkoloolessa 22/2018
Leenjiin haammata gahumsaa(competency framework) irratti xiyyeeffatu
qindoomina Biiroo Pabliik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa fi Yunivarsisii Naannoo Oromiyaatiin hojjattoota Biirichaatiif magaalaa Baatuutti wayita kennamu waltajjii leenjicha haasaan kan saaqan Itti Aanaan Hogganaafi Itti Gaafatamaan damee Siviil Sarvisii Ob.Yaaqoob Taaddasaa yaada kennaniin, kaayyoon qormaata haammata gahumsaa (competency framework) qaawwaa dandeettii raawwachiisummaa hojjataa mootummaa adda baasuudhaan carraa leenjii adda addaa mijeessuuf dha jedhaniiru.
Qormaatni haammata gahumsaa hojjataa mootummaatiif kan kennamuuf, gama tokkoon qaawwaa dandeettiifi gahumsaa hojjataa adda baasuudhaan carraa leenjiifi barnootaa mijeessuuf yommuu ta'u, gama biraatiin hojjataan aadaa dubbisuu gabbifatee gita hojii irratti ramadamee hojjatu irratti dandeettiifi gahumsa raawwachiisummaa isaa akka guddifatuuf akka ta'e Ob.Yaaqoob ibsaniiru.
Qormaata haammatni gahumsaa hojjataa akka fayyadu kan dubbatan Ob.Yaaqoob, qormaata kana ilaalchisee hojjataa gita hojiirra kaasuuf akka ta'etti darbee darbee hololli geggeeffamu akka jiru kan eeran Ob.Yaaqoob, sababa qorumsa haammata gahimsaatiin hojjataan gita isaa irraa ka'u tokkollee akka hin jiraanne dubbataniiru.
Yunivarsitii Naannoo Oromiyaatti Itti Gaafatamaan Waajjira Itti Aanaa Pirezidaantiifi Itti Gaafatamaan Damee Riifoormii Dr.Tashoomaa Kabbadaa gama isaaniitiin ibsa laataniin, Yuniversitiin Naannoo Oromiyaa Biiroo Pabliim Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa waliin ta'uun qaawwaa dandeettiifi gahumsa hojjattoota mootummaa naannichaa adda baasuun leenjiifi barnootaan gabbisuuf hojjataa jira jedhaniiru.
Leenjii haammata gahumsaa biirichi qindoomina Yuniversitii Naannoo Oromiyaatiin magaalaa Baatuutti hojjattoota biirichaatiif kenne kanaan maalummaa haammata gahumsaa(Competency framework), maalummaa gahumsa waliigalaa(generic competency), maalummaa gahumsa addaa(Technical competency),...kkf irratti ibsi kennameera.
Leenjii kana irrattis Daayirektoreetii Misooma, Mirkaneessa Gahumsaafi Bobba'iinsa Qabeenya Namaa biirichaa irraa Ob.Abdii Yaasin, akkasumas, Yunivarsitii Naannoo Oromiyaa irraa Daayirektarri Inistitiyutii Mirkaneessa Gahumsaa Dr.Alamaayyoo Shifarraa mata-dureewwan haammata gahimsaa adda addaa irratti ibsa gahaa laataniiru.
keenyaa fuula miidiyaa biirichaarrati.
https://www.facebook.com/100063960363420/posts/1262724095869591/