15/05/2025
Message ykn lakkoofsi NID irraa nuu ergame yoo nu jalaa bade argachuu dandeenyaa?
Gaaffiwwani fi deebii dhimma waraqaa eenyumaa biyyooleessa(NID)
==================
Waraqaa Eenyumaa Dijitaaalaa ykn umrii meeqarraa baafachuun dandahama?
===>✓ umrii 5 fi isaa ol
Waraqaa Eenyumaa Dijitaaalaa ykn namni waraqaa eenyumaa gandaa hinqabane galmaa'uu ni dandaha?
===>✓ Eeyyeen
Namni waraqaa eenyumaa gandaa hinqabane ragaa armaan gadii dhiyeesuun galmaa'uu dandaha.
✓ waraqaa ragaa dhoolotaa
✓ buukii baankii
✓ paasportii
✓ waraqaa ragaa barnoota fkn
ministry
✓ waraqaa ragaa kaartaa
lafaa,manaa
✓ ragaa konkolachisummaa fi kan biroo eenyumaa nama sani ibsuu dandahu.
Namni tokko galmaa'ee lakkoofsi fayda jalaa bade irra deebi'e galmaa'uu dandahaa?
===>× hin danda'u
Namni sun miseejiin karaa *9779 # akka irra deebi'ee ergamuuf gochuu dandaha malee lammaffaa ashaaraa kennuu hin dandahu.
Lammiin biyya alaa fayda baafachuu dandaha ?
===>✓ Eeyyeen
Namni lammii Ethiopia hintaane ulaagaa kaahame keessaa shan yoo guute baafachuu dandaha.
Ulaagaa shanan maali kan jedhuuf gaafii biroof yeroo itti aanuu.
waliif godha