Badhaadhina biyyaa fi bilisumaa biyya

Badhaadhina biyyaa fi bilisumaa biyya Obk

11/08/2026

Saayikooloojiin amala namaa bakka gurguddaa sadiitti qoodee kaa'a!

1.

Namni kun yeroo hundaa
moo'amaadha, waan namni jedhe hunda tole jedhee fudhata, waan isaaf
ta'u adda baasee hin beeku, waanuma hiriyaan isaa/ishee gootu ilaalee godha. Ofitti amanamummaa hin qabu, waanuma sirrii dhiisi kun sirrii miti yoo jette ni dhiisa. Namni akkasii kun jireenyi isaa kufaadha.

2. ⛤⛤⛤⛤⛤

Namni akkasii immoo Kan Koo malee jechuu baay'isa, yaada nama biraa hin qooddatu, ni dheekkama, lafuma fayyaa si dhaanuu, ooduu, barbaada ija diimeffatee.

Namni kun ija jabinaan dorgooma hin qabu. Ana malee, of tuula, ana malee namni hin jiru jedha, sin kabaju, qoma dhiibee deema dhimma kee hin qabu. ★★★Hiriyaa akkasii sirraa haa qabu malee guyyaa adii qullaa si hambisa.⛤⛤⛤hanga ati sagalee qabdu qofa si kabajaa ★★Irraa isin haa baraaruu!!!!!!!

3. !

Nama sammuu banaa qabu (open minded person), yaada nama biraa
giddu galeessa godhee fudhata, waan isaaf ta'u adda baasee keessaa
gadi fageessee fudhata, yaada isa ijaaruuf isa diigu beeka. Namni akkasii kun yaada namoota biroo fudhachuuf sammuunsaa
qophaa'aadha. Ilaalcha madaalawaa qaba, siin hin mormu, erga yaada kee hubatee si amansiisuuf ragaadhaan deeggaree yaadasaa dhiyeeffata.
Yeroo hunda ilaalcha qajeelaa qaba, nama hundaaf gaarii yaada, ilaalcha naannummaa, gandummaa, sanyummaa fi lagummaa of keessaa hin qabu, haasa'aan isaa ogummaan kan guutameedha. Fageessee yaada, fageessee tarkaanfata, hamma dubbatuun ol hojjeta, odeessuurra
hojiidhaan agarsiisuu filata. Namni sirriin isa kana.


By piroofeeseer Miratu Shanqoo

# Hiriyoota keessaniif Sharee Godhaa

28/07/2026

Taajjabbii nama rifachiisu..
Yukireen buufata boba'aa Iraaq fi Sa'udii irratti boombii darbachuu keessaa harka qabaachuun ishee kan argame yoo ta'u, basaasa Iraaq reefu Iraaq keessaa kutaa basaasaa kan Yukireen hojjechuu isaanii ifatti himate to'annoo jala oolcheera!

Wanti Baha Giddu Galeessaa keessatti ta’aa jiru kana booda waldhabdee naannoo qofa osoo hin taane, suuta garuu saffisaan gara waraana addunyaa guddaatti jijjiiramaa akka jiru ragaa qabatamaa yoo barbaaddan, fuula Raashiyaa fi Yukireen waldhabdee Iraan, Ameerikaa, Israa’el, fi biyyoota Galoo Galaanaa gidduu jiru waliin walitti makuudhaan, sana booda sararoonni armaan gadii waan hunda waan ibsaniif xiyyeeffannoo guddaa kenni...

🔸️ Seenaan kun kan jalqabe guyyoota muraasa dura yeroo dhaabbileen boba'aa barbaachisoo ta'an Riyaad fi Bulchiinsa Baha Sa'udii Arabiyaa keessatti argaman waliin ta'uun Iraaq keessaa kanneen biroo waliin haleellaa cimaa diroonii of ajjeesuutiin raawwatame...

Madaalliin jalqabaa fi tilmaamni yeroo sanatti pireesii guutee ture haleellaan kun gareewwan hidhattoota Iraaq keessa jiran kan Iraaniin deeggaraman irraa kan dhufe ta’uu agarsiisa, kunis waldhabdee Galoo Galaanaa waliin jiru hammeessuuf kan kaayyeffateedha...

Boombiin kun kan darbatame Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa Iraaq sa’aatii muraasa dura kutaa basaasaa Yukireen naannoo Iraaq keessaa qabamuu isaa yeroo beeksisan turetti. Erga hidhamanii booda miseensonni seelii kun Iraan frame gochuuf haleellaa misaa'elaa fi diroonii raawwachuu isaanii himataniiru.

🔹️ Kanaafuu kun sirriitti maal jechuudha?!
Adeemsa kana gabaabsee yoo ilaalle, Yukireen yeroo muraasaaf hojii "alaabaa sobaa" raawwachaa turte, kallattiin Iraaq, Sa'udii Arabiyaa fi Iraan gidduutti waldhabdee kakaasuuf, akkasumas faayidaa Israa'elii fi Ameerikaatif Galoo Galaanaa gara waldhabdee kallattiitti harkisuu irratti kan xiyyeeffate ta'uu isaati!

Kana guddina dandeettii Yukireen dhiheenya kana boombii darbachuu fi Raashiyaa irratti xiyyeeffachuu irratti qabdu,

15/04/2026
🇮🇷🇪🇹Hiriirri deeggarsaa Iran's Itiyoophiyaatti gaggeeffame.Wayita MM Abiy Iran balaaleeffatan lammiileen Itiyoophiyaa dh...
09/03/2026

🇮🇷🇪🇹Hiriirri deeggarsaa Iran's Itiyoophiyaatti gaggeeffame.

Wayita MM Abiy Iran balaaleeffatan lammiileen Itiyoophiyaa dhibbaan lakkaawaman daandii guutanii gocha Israel fi Ameerkaan Iran irratti raawwatan balaaleeffachuun Iran deeggaraniiru.
Akkamiin taateen kun uumame? Videon👇
Ahmad Fahaam Followers

 🇪🇹💪Dhimmi Galaana Diimaa dhimma bira darbamuu hin dandeenyedha. Itoophiyaan karaa nagaan karra galaana argachuuf mirga ...
22/01/2026

🇪🇹💪

Dhimmi Galaana Diimaa dhimma bira
darbamuu hin dandeenyedha. Itoophiyaan karaa nagaan karra galaana argachuuf mirga qabdi. Didamnaan boortaanis.

Galaanni Diimaan Itoophiyaaf dhimma lubbuun jiraachuuti malee dhimma ofittummaa miti. Xiyyeeffannoon biyyi keenya dhimma karra galaanaa irratti laachaa jirtu dhimma lammiileen ishee hundi itti tokkumuu qabaniidha.

Baaleenis tahu booleen yeroon haqa keenya itti deebifannu amma!

Address

Adama

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Badhaadhina biyyaa fi bilisumaa biyya posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Badhaadhina biyyaa fi bilisumaa biyya:

Shortcuts

Share