15/12/2022
Ibsamoota sirna diimokraasii keessaa heddummina yaadaa keessummeessuu danda’uun isa tokkodha. Adeemsi kun yaadama “Koo qofa” jedhu irraa bilisa karaa ta’een yaadota garaa garaa keessummeessuudhaan yaada mo’ataa ta’e kan waloo godhatanii hojiirra oolchuu irratti xiyyeeffata.
Yaadamni “ Koo qofa” jedhu sochii ijaarsa sirna diimokraasiitiif qormaata guddaadha.
Yaadni qabeenya. Yaada keessaa nageenya, waliif yaaduu, wal kabajuu, akkasumas badhaadhinatu madda. Ka’umsi hojiiwwanii fi milkaahinoota hundaa yaada.
Paartiin Badhaadhinaa dhimmoota bu’uuraa milkeessuuf hojjatu keessaa ijaarsa sirna diimokraasii isa mirkaneessuun tokkodha. Heddummina yaadaa keessummeessuun ammayyummaa caalaa ijaarsa sirna diimokraasiitiif haala mijaawaa uuma.
Kanaaf heddummina yaadaa keesummeessuu, garaa garummaa jiru irratti wal danda’uu fi wal hubachuudhaan yaada mo’ataa biyya ijaaruu maddisiisuu fi hojiirra oolchuu irratti xiyyeeffannaadhaan hojjataa jira.
Yaadota garaa garaa keessummeessuu fi dirree diimokraasii bal’isuun ijaarsa biyyaa keessatti gumaacha ol’aanaa kan qabu akkasumas ida’amni yaadota adda addaa yaada mo’ataa badhaadhina biyyaa mirkaneessuu danda’an maddisiisuuf bu’uura akka ta’e Paartiin Badhaadhinaa ni amana.
Biyyi keenya Itoophiyaan guddinaa fi badhaadhina ishee dhugoomsuudhaaf tumsaa fi hirmaannaa lammii hundaa barbaaddi. Kanaaf lammileen biyyattii hundi yaadota mul’ata biyyaa galmaan gahuu danda’an gumaachuudhaan ijaarsa biyyaa keessatti shoora irraa eegamu bahachuun muteessaadha.
Tokkummaan biyyaa eegamee, nageenyi itti fufiinsa qabus mirkanaahee Badhaadhinni Itoophiyaas akka galma gahuuf yaada keenya karaa nagaa ta’een tarkaanfachiisuun misooma biyyaa fi guddina waliiniif haa oolchinu.