Top Music

Top Music True Pictures

Kalaqa Indastirii Aartiif DhufeLubbu-qabeeyyii addunyaa tanarra jiraatan keessaa, dandeettii yaaduu fi waa xiinxaluu isa...
01/07/2024

Kalaqa Indastirii Aartiif Dhufe

Lubbu-qabeeyyii addunyaa tanarra jiraatan keessaa, dandeettii yaaduu fi waa xiinxaluu isaatiin, qaroo fi qaroomaan dhala namaati. Horteewwan dhala namaa durii caayaa sanyii isaanii bal'ifatan keessaa hangaftichi, KUUSH. Kuush angafummaa fi qareessa ta'uun hortee ijoo gurraacha Afrikaati. Horteen Kuush qaroominaa fi ammayyummaa addunyaan har’a irra geesseef bu'ura. “Waa malee manni hin aaru” akkuma jedhamu, nutis waa malee Seenaa fi Seexaa ‘KUUSH’
Seenessuu hin feene. Maqaa qaroominaa fi angafummaa waliin ka'u Kuush jedhutu, mil'annaa fi kaayyoo hegeree maqicha gahuun, moggaasa 'Kuush Records' jedhu qabatee addunyaa morkii jaarraan teeknooloojii, odeeffannoo fi bashannanaa irra jirutti makame. Jaarraan kuni aartii fi kalaqa ofii guddifachuuf, indastirii aartii Afrikaarratti morkataa fi filatamaa ta'uuf, dhaabbata eenyummaan quuqamee, aantee ofiif dhimmamee daawwatamummaa fi diinagdeenis saba ofiif dursa kennuu barbaada. Kuush Records kalaqa jabaa qaawwa guddina indastirii aartii keenya sakaale irra aanuu dandeessisuun as baheera. Kuush Records, Ogeeyyii beekumsaa fi ogummaan sibiilomanii, muuxannoon bilchaataniin kalaqamee, guddinaa fi qaroomina Kuush haaromsuu fi itti fufsiisuuf gahuumsa horachuun, "Sicufe Maltii Miidiyaa"dhaabbata “Hawi Software Solution " waliin ta'uun rakkoo Aartii keenyaa furuuf, Appilikeeshiniin Kuush Record jedhu kalaqee, ifaajee waggoota lamaa booda milkiin gadi baheera. Nuti Gammanneerra, Isinis Baga Gammaddan!!! Milkaa'inna kalaqa kanaaf Artistonni fi qaamoonni nu cinaa turtan galata qabdu.

Appilikeeshiiniin haalli fayyadama isaa salphaa tahee fi Playstore irraa laayyootti buufachuun itti fayyadamnu kuni, Muuziqaan Oromoo gabaa Addunyaatti akka dhiyaatu gochuun ala qaawwa diinagdee abbootii kalaqaa fi aartiistotaa, aartii guddisuuf bu'aa malee ifaajaa turan ni fura. Appilikeeshinii Kuush Records namni kamuu bilbila isaarratti buufatee fayyadamuuf hin rakkatu.
Har'uma Appilikeeshinii Kuush Records playstore irraa buufannee warraqsa indastirii aartii kanatti yaa makamnu. Waahillan keenyaafis 'share' gochuun yaa beeksifannu.
Keenyumatu keenya, numatu keenyatti aanee guddifata, beeksifata, ittiinis fayyadamuu qabna. Horaa!! Bulaa!!!

Share kuush Record with your friends and family

14/06/2024

In 15 minutes you can earn $100-$500 a day. Earn money by buying and selling products in the top sites and increase buying counts and earn real money.

27/04/2022

Chaanaalii keenyaa Guddifachuuf |Grow YouTube channel | YouTube Research | : Making money online,Online making mon...

25/04/2022

Seera Haaraa Ammuma guutamu qabu (Google Adsense new terms and conditions update 2022)

02/04/2022

Warqineh Yeroo 2 Kan Fudhattee #(Maya Show On OBN)Maya Show Yeroo Hunda Sambata Duraa Sa'aati 10:30 Nu Egga...

04/02/2022

Numuu harka ofiin Waan facaasee haammataa Dhuftuu abbat ilaallaataa....

28/01/2022

Portugal Bridge | Oromiyaa Salaalee | New Video 2022

16/01/2022

Ibiddo Galaan 'DARROO' New Ethiopian Oromo Music Reaction Video 2022 (Official Video) : Amharic music 2021,africa music,...

Address

Adama
1000

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Top Music posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share