09/03/2026
Irree fi Cichoominna Iraan!! 🇮🇷
Dhugumaa yeroo amma tana biyya tamitti USA fi Israa'el dura dhaabbate woliin loluu dande'aa? Keessattu USA bara 1945 GC dhuma woraana addunyaa lamaffaa asi mootii addunyaa teete gara ifii barbaaddetti addunyaa zawaraa jirtu. Biyya woraanaan, dinagdeen, Saayinsii fi Teknooloojiilleen sadarkaa tokkoffaa irra jirtu. USAn WWII asi biyyoota 13 oli weerarte. Baay'ee isaanii ni diigaman. Israa'elis yoo taate bara 1948 erga hundoofte asi biyyoota baha gidduu galeessa tumtee bulchuu jirti. Biyyootni lixaa hundinuu poolisii Imaammata Israa'el ni deeggaru. Dinagdeenis Iraan ni caalti. Ameerikaa fi Israa'el isaan lamaanuu boombii nikleera hidhatan jiru. Weerara biyya tana lamaan ifirraa faccisuun jabinna guddaa!! Hanga ammaatti Iraan buufata woraana USA baha giddu-galeessa keessa jiru 11 oli rukuttee jirti. Kun Irree fi cichoominna qofas adoo hin teene injifannoo dha!!
Uummatni Periishiyaa akkuma bara duri bara 550 B.C irraa eegalan qaroominna guddaa addunyaaf gumaacha turan kaan har'as jiru. Biyyi Iraan Bara 1979 irraa eegalalte qoqqabbiin biyya Lixaa fi USA mataa irraa oli hin qabanne. Qabeenya uumamaa Waaqi isii badhaases gabayaa baafatan hin gurguranne!! Keessattu gaaza fi zayitii isaanii bilisaan gabayaa addunyaatiif dhiyeessan hin beekanu. Biyya Qoqobbiin naafise!! Hooganaan oli aanaa isaanis Ayyaatolah Seid Ali Khamenei hanga torbaan darbe kabajaa fi gootummaan woreegamanitti biyyoota lixaaf, Ameerikaa fi Israa'el harka hin kennine!! Eennuufis hin jilbiifanne!! Duuti USA fi Israa'el jechaa ture !! "Death for USA fi israail" jedhe dhaadata ture! Qaalichi haguma jedhe dhaadatu san geya. Woraana bara darbee guyyaa 12f USA fi Israa'el woliin gaggeesses injifannoo xumure!! Hundaafuu Iraan biyya amantaa Shiyaa musliima hordoftu; biyya afaan Faarsi dubbattu fi biyya Araba hin te'in biyya cimtuu. Biyya Araba adoo hin te'in baha giddu-galeessaatti Abukaatoo Arabootaa teete jiraata turte!! Iraan Mootii biyyaati! Woraanichi akka adduyaa yaa