Miidiyaa Biyyaa

Miidiyaa Biyyaa Akka isaanii waan hin taaneef;Akka isaanii hin taane! Ansiifan,

24/09/2026

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Dawit Takele, Tariku Dami

08/09/2026
 … jedhan!Akka ilaalchaatti hammeenya lama keessaa isa xiqqaa keessaa filachuun /the lesser evil of the two evils/ bara ...
07/09/2026

… jedhan!

Akka ilaalchaatti hammeenya lama keessaa isa xiqqaa keessaa filachuun /the lesser evil of the two evils/ bara duriis bara kanas jira. Garuu filannoo sadaffaaf carraa of dhowwachuun immo hiri’ana namummaa duris ta’e ammas jirudha. Mee isa kan Macaafa Qaulqulluu keessaa haa ilaallu:

《1.》 Kanatu irra salphata jedhee hadha manaa irra Waaqayyoon gaddisiisuu filate Addaam
Yeroo haati manaa isaa wanna nyaatamuun hin mallee gara isaatti fidde harkatti hin didinne ykn sochii isheen boficha waliin gootu akka dhaabduuf dura hin gorre. Gochi xiqqaa fakkaatu dhaloota gatii baasise. Har’as galii karaa hin malleen gara akkaawuntii dhufu haati manaa ykn abbaan manaa lakki jechuu danda’u jiraa laata!

《2》. Kanatu irra salphate jedhee haadhoo isaa galaafate Qaayen
Innaaffaa guutamee obboleessa isaa galaafate; Waaqayyoos iyyaa dhiigaaf birmachuu dhuufe; adda isaa irratti milikata godhee gad dhiise. Lafa irratti jooraa ta’ee hafe.

《3》. Dhala malee hafuu irra hojjettu ofii irraa godhachuutu irra salphata jedhe Abrahaam
Umuriin fiigaa jira; kun isaaf soda guddaa ture Abrhaamiif. Sababa kanaa du’a ykn dulluma dursuun naaf ta’a jedhee kanatti seene. Kunis dhaloota keessatti hanga ammaatti biyya lafaa gatii baasiisa jira

《4》. Bor nu caaluu irraa har’a gurguranii biyyaa balleessuutu irra salaphata jedhan obbolaan Yoseef
Kun innaafaa tuta xiqqaa (Small circle) keessatti mul’ate dha. Maatii gara laafina malee bor nu caalaa jedhanii qaama isaanii horiitti gurguratani. Garuu bor akka inni gatii isaan baasisu hin barre. Oromoon “Harki akka keesseetti fuutii; namni akka ajjeestetti duuti” jedha mitiiree! Wal gaggaalfachuun bor herreega akka nama buusiisu utuu quba qabaatanii kana hin godhan turan.

《5》. Kanatu irra salphata jettee Elzabeel Naabutee ajjeesiste (Un ethical investment)
Lubbuu galaafattee lafa irraa fudhatte. Dhumini ishees akkas ta’e: Eliyaas “‘Gad ishee darbadhaa!’ isaaniin jedhe; yeroo isaan gad ishee darbatanitti, dhiigni ishee keenyanitti, fardeenittis in faca'e; Yehuun immoo fardeen isaatii fi konkolaattota isaatiin lafatti ishee in dhidhiite” (2Mt.9.33).

《6》. Kanatu irra salphata jettee haati manaa Iyoob Waqayyoon arabsii du’i ittiin jette
“Haati manaa isaa immoo, ‘Ati amma iyyuu qajeelummaa keetti qabamtee jirtaa? Waaqayyoon arrabsii du'i!’ jetteen” (Iyo. 2፡9). Seexanni wanna gaggaari jalaa fixee ishee Waaqayyoon arrabsii du’i jettu hambiseef. Walumaa galatti seenaan dubartii kanaa boqonnaa 2 hin darbuu; seenaan Iyoobii fi kan Waaqayyoo garuu hanga boqonnaa 42tti deema.

《7》. Dhala ufii irra Waaqayyoon gaddisiisuutu irra salphata jedhe Lubni Eeliin
Waaqayyo Lubichaan “maaliif ana caalaa isaaniif ulfina kennite?” ittiin jedhe (1Sam.2፡29). Bu’aani kanaas lubichii fi ijooleen isaa in dhumanii

《8.》 Kanatu irra salphata jettee Heroodiyaan Yohaaniisiin morma kuchisiifte
Kana booda garuu boqotanii hin jiraanne; abbaa manaa ishee waliin qabeenyi isaanii erga saamamee booda gara biyya Faransaay, Liyoon, jedhamutti mana hidhaa galani; achi bahanii gara Speenitti geefamanii achiiti du’anii. Mucattiiin sirbitee sun immoo utuu cabbii irra deemtuu gala cite mormaa ol hanbisee ishee ajjeesse. Oromoon immoo harki akka keessetti fuutii namin akka ajjeestetti duutii jedha mitiiree Oromoon!

《9》. Kanatu irra salphata jedhe Yihudaan Yesuusiin gurgurate
Yihudaan horii fudhatee Yesuusiin dabarsee kenne. Humni horii /The power of money/ achiitti humna argateera, Garuu bakka inni itti humna dhabummoo jira. Akka Maatiwoos barreessetti “Luboonnii warri angafoonni maanguddootaa wajjin wal ga’anii, ergaa mari’atanii booddee, horii ga’u warra loltuu sanaaf kennanii, ‘waa’ee isaa immoo, nuyi in qabbaneessina; isin rakkinatti akka hin galles in goona’ jedhaniin. Kanaaf warri eegdonni horicha fudhatanii, akka isaanitti himame in godhan”. As irratti hubatamuu kan qabu humni horii fi sobi wal biraa akka hin hafne dha. Luboonni kun eegdootaan dhaqaa sobaa jedhanii horii kennaniif.

*** Garuu humni horiis ta’e sobni du’aa ka’uu Kristoos irratti injifannoo argachuu hin dandeenye. Yihuudaan horii hammeenya hojjatee argate sanaan lafa bitate; innis mataan lafa dhayee qixxeelamaanitti tarsa'e; mardhumaan isaa cuftinuus keessaa jige (H.E.1:18)

Hammeenya lama keessaa isa balaa fi miidhaa xiqqa qabu filachuun /The lesser evil of the two evils/ waan gaarii yoo argamsiisuudhaa baate illee yeroof rakkoo xiqqeessa. Deemsa keessa garuu rakkoo inni ulfaa’ee dhaluuf jiru salphaa miti. Garuu gaaffii biraan jiru: “Filannoo sadaffaaf carraan hin jiruu?” kan jedhudha.

Yeroo akkasii kana filannoo sadaffaan in jiraata; kanaaf namni hubataan hammeenya xiqqaa ykn isa guddaa jedhee taa’ee madaaluu irra filannoo sadaffaa barbaaddata. Yeroo baayyee filannoo sadaffaan gadi fageenyaan itti yaaduu gaafata malee in jiraata!

Fekadu Begnatiin

Guyyaa gaarii!!

31/08/2026

Waan Lafa hin qabanne ol fageessuun qilleensaaf kennuudha.

guddatu
guddatu
guddatu.
sadanuu wal malee hin taatu!

Jaarsa Biyyaa

08/08/2026

Dubbiin nama nyaachuurra, midhaan nyaachuutu nama gabbisa,inni sun nama huuqqisa. Midhaan hirmii hin qabu, Dubbiin duubdeebii hin dhabu!.

Address

Addis Ababa
Ababa
-

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Miidiyaa Biyyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Miidiyaa Biyyaa:

Shortcuts

Share