Faxumaa Intalaa Arsii Didaa

Faxumaa Intalaa Arsii Didaa Obsii furutuu waa hundaatii

 'iba Qorichummaa qunnii dhukkuba kamiifuu yoo Torbaan tokkoof sirnaan fayyadamte fayyaa gammachuu gaarii ofitti gammadd...
09/05/2026

'iba Qorichummaa qunnii dhukkuba kamiifuu yoo Torbaan tokkoof sirnaan fayyadamte fayyaa gammachuu gaarii ofitti gammaddu argatta.
Qoricha dandeeytii addaa qabu kan miidhaa homatuu hin qabne!
Garuu Qunnii Alaa dhuftu tanaatu hedduu filatamtuudha.

IRRA DEEBIN DUBBISAA ITTI FAYYADAMAA Dhugumatti qoricha Jabaadha !

Faayidaa Qunniin Fayyaa keenyaaf Qabu.
Maqaan isaa Ingiliffaan
(Cyperus Rotundus) Jedhama

Qunniin Biqiltoota Qophaa Isaanii Dhukkuboota Fayyisuu danda'anu keessaa isa Tokko.
Biyyi jalqaba Akka dawaatti itti Fayyadamuu jalqabde Awustireliyaadha. Yeroo ammaa kana Garuu Qoricha Aadaa keessatti Biyyaa keenya Itoophiyaa dabalatee biyyoota 92 olitu itti Fayyadamaa jira. Qorichoota Ammayyaa Hedduutu irraa Oomishamee Addunyaatti Gurguramaa jira.
Qunniin mootii Biqiltoota Qoricha Aadaati.

Dhukkuba Garaachaa fi Marrimaanii Ulfaataa Ta'an yookiin Namarra tureef dawaadha Summii fi Baakteeriyaa fayyaa garaachaa fi marrimaanii miidhanu Qaama keessaa Qulqulleessee dhabamsiisaa.
Bokoka garaa fi Haqqisiisaa-oldeebisaa. Fi Namoota garaa baasaa ykn garaa kaasaan irraa dhaabbachuu Dideef Dawaa Ajaa'ibaati Dhukkuboota Garaa keessaa Hedduudhaaf Dawaadha. garaa Ciniinnaa Namarraa Balleessa.
Kiintaarotii garaa keessaa Utuu hin Uumamin Dafee Nama keessaa Balleessaa Namni Mallattoo dhukkuba kiintaarotii Ofirratti Argee biqiltuu kanatti ha fayyadamu!!

Mataa Bowwuu yeroo Qorraa Namatti ka'uuf dawaadha.
Dhukkuboota Sammuu kan Akka (Alzheimer's) ykn dhukkuba Sammuun Namaa Akka Waa dagatuu fi Ballisee hin yaadne Namarraa ittisa. Akkasumas dhukkuba(Parkinson's) jedhamu kan Hiddoota Sammuu cufee Akka dhiigni gahaan gara Sammuutti hin dhaqne godhee maraatummaa fayyaa dhabuuf Nama Saaxilu Namarraa ittisa. dhukkuba kanneen yaaluu danda'a. Dhukkuba Gaggabdoo Sammuu keessaa ka'uuf Fayidaa heedduu qaba.
Ulfaatina Qaamaa Humnaa Olii fi Cooma humnaa olii tiruu fi Qaama keessaa Hirrisa. Kolestiroolii dhiiga keessaa Hirrisa.
Summii Garaachaa fi dhiiga Tiruu keenya miidhu Nu keessaa Qu

02/05/2026

As wr wb

20/04/2026
12/10/2025

Hin ulfaatu inni obboleessa kiyya!.
---------------------------------------
Biyya jaappan yeroo lolli turetti mucaan suuraa irratti argitan kun obboleessa ofii du'e awwaaluuf dugda isaa irratti baadhatee deemaa ture. jidduma tana waraanni isa argee akka inni waliin hin dadhabne akka darbu gaafate.mucichis :- "hin ulfaatu kuni bar obboleessa kooti" jedhee deebiseef.

Waraantichis hubatee hiqqifatee boo'e.

Yeroo san irraa eegalee suuraan kun biyya jaappaan keessatti mallattoo tokkummaa ta'e.

Maal qaba osoo dhaadannoon keenna akka armaan gadii kana ta'ee:-
" hin ulfaatu inni obboleessa kooti.....hin ulfaattu isiin obboleettii kooti"

Yoo inni kufe ol qaba
Yoo inni dadhabe ni gargaara
Yoo inni laafe ofitti irkisa
Yoo inni dogoggore dhiifama godhaaf
Yoo addunyaan dugda isatti galte dugda kiyya irratti isa baadha hin ulfaatu inni obboleessa kiyya.......

Garuu biyya nuti keessa jiraannu tanatti dhalli namaa sababa tokko malee akka baala mukaa guyyaa irraa lubbuun isaa harca'aa oolti maal qabaa osoo garaa walitti jabaatuun hafee
Ay yaaaa lammiii tooo
👇👇
Irraa baradhaa
Fecbook page follow godhaa gaffilee fayyaa walqabatu kamiyyuu argachuu dandeessu

10/10/2025

AMALOOTA DHUKKUBA ONNEE " dhukkubni onnee sababoota hedduuf nama dhukkubu dandaha. akka DR guddaan islaamaa ibnu siinan je'etti - haaluma dhibdeen isii wal dhabduun " Qorichi wal'aansa isiitis wal dhabdi fkn onnee miidhaa ija namarraa namatti dhuftuutu jira. kana warri DR amma Aamayyaa ifin jedhan hin amanan. wal'aansi isii qoricha kaawwaniin hin wal'aanamu. onneen sababoota dubbannee dabarsine saniin namatti argamte mallattowwan isii adda isaanis- 1, harganuu dadhabuu 2, Tabba bahuu dadhabuu 3 , qoma irratti waa si ulfaatuu 4, iitahuu miilaa fi kkf kan miidhaa sheyxanaati fi ija namaa irraa tahe kanarraa adda.
WAL'AANSA:-Qurunful gm 15 ganama subhii Aannan re'ee wajji danfisuun dhuguudha ganama torbaaf.

Sariitii gm 10 danfisan8i dhuguudha subhi ganama sadiif.

Irqasuus gm 20 danfisanii dhuguudha ganama Shaniif. Haala itti fayyadama qorichaa irratti gaafii yoo qabaattan Fi Akkasumas sadarkaa dhibamaan irra gahee fi ulfaatina fi umrii isaa beekun dirqama.

RABBIIN DHIBDEE BUUSET DAWAA JALA BUUSE!!

share waliif godhaa gaafii qabdan gaafadhaa!! BL- 0930724972 , mana qorichaa.

08/10/2025

☕🍋 Faayidaa Buna Loomii Waliin dhuguun Fayyaa keenyaaf qabu Ibsa Saayinsii wajjiin.....

Walmakiinsi bunaa fi loomii kun qoricha aadaa mana keessaa fi akkasumas jireenya fayyaa ammayyaa keessatti akka dhugaatii humna qaama namaa kennuu fi qulqulleessu akkasumas kan hojii qaamaa deeggaruuf gargaaruu keessatti bu'aa qaba.
Bunaa fi loomii walitti makame kun mataa dhukkubbii salphisuu, anniisaa guddisuu, meetaabolii guddisuu fi ulfaatina qaamaa hir'isuuf gargaaruu dabalatee kaayyoo hedduudhaaf kan ooludha.

Faayidaa tokkoon tokkoon isaaniitiif tarreen ibsa bal’aan kunooti:

✅ 1. Carraa Kaansariin qabamuu Hir'isuu:

Bunni antioxidants humna guddaa qaban kan akka chlorogenic acid kan free radicals kaansarii fidan Nurraa loluuf ta'u of keessaa qaba.
Loomiin vitaamin C fi flavonoids kan of keessaa qabu yoo ta'u, kana malees sochii farra kaansarii agarsiisaniiru.

✅ 2. Dhukkubbii Mataa Hir'isuu

Qabiyyee bunaa Kaafeenii fi loomii yeroo mataa dhukkubbii ujummoo dhiigaa sammuu keessatti bal’ate ni dhiphisa, keessumaa dhukkubbii mataa tension ykn mataa bowwuu gama tokkoon nama dhukkubu migraine salphisuuf gargaara.

✅ 3. Qaama humna namaa kan kennu yoo ta'u, ga'umsa qaamaa ni fooyyessa
Sirna narvii giddugaleessaa kan kakaasu yoo ta’u, dhangala’aa adrenaline kan dabala, kunis sochii, anniisaa fi dammaqina qaamaa akka dabalu taasisa.

✅ 4. Saffisa bullaa'isna nyaataa meetaabolii ni dabala

Saffisa meetaabolii bu’uuraa (BMR) ni dabala.

Loomiin kompaawundoota dhangala'aa bishaan bullaa'isna nyaataa garaachaa guddisan kan of keessaa qabu yoo ta'u, kunis coomni akka bullaa'uu hedduu gargaara.
> Bu'aan isaa daangeffamaadha, yeroodhuma sana qofa tajaajila malee yeroo hunda miti! garuu qorannoo fayyaa yeroo gabaabaa keessatti mirkanaa'eera.

✅ 5. Seelii coomaa ni caccabsa

Kaafeeniin bunaa lipolysis, asiidota coomaa seelii keessaa akka madda anniisaatti akka itti fayyadamuuf gadi lakkifaman kakaasa.

✅ 6. Gogiinsa garaa Wal'aana

Bunni dhiibbaa kaafeenii fi kompaawundoota biroo kan a

06/10/2025

Qurunfuliin wantoota namni akka salphaatti shaayii isaa danfisee dhugu keessaa isa tokko yoo ta'u.
Bu'aa fayyaa, guddaa Of keessaa qaba.

Dhukkuboota qorraa kan akka utaalloo fi taayifoodii, Asmii fi Daranyoo sombaaf bu'aa gaarii qaba,

Tiruu cooma qabu,
Yokan dhukkuba (Fatty liver disease) fi madaa Tiruu yokan (Liver cirrhosis)
bu'aa guddaa qaba, fayyaa Tiruu cimsaa, dandeettii tiruu dabala.

Carraa dhukkuba kaansariin qabamu hirrisa (Eugenol) olaanaa Of keessaa qaba dhukkuba Kaansarii ittisuu keessatti humna Cimaa qaba, Kaansariin akka qaama keessa hin baballanne taasisa,

Carraa dhukkuba sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaan qabamuu, Hirrisa,
Dhiibbaa dhiigaa ol ka'e gadi buusa, Akkasumas Sukkaara Ol ka'e gadi buusa,

Fayyaa onnee cimsa, dhukkuba Onnee namarraa ittisa,

Dhukkubbii lafee namarraa tasgabbeessa,
Fayyaa lafee, qaamaa cimsa, dhukkuba lafee, laaffisu, kan akka (Hypogonadal osteoporosis) namarraa ittisa.

Faayidaan qurunfulii hedduudha, qabiyyee isaa ilaaluun humna isaa ilaaluun humna isaa hubachuuf isin garagaara,
Elementii soorataa fi albuudotaa qurunfuliin qabu,
Qurunfuliin giraamni 100,
Bishaan mililiitira 9.87
•Kaalorii 274
•Kaarboohayidireetii grm 65.53
•Sukkaara grm2.38
•Faayibara nyaataa grm 33.9
•Pirootiinii giraama 5.97
•Copha grm 13
•Kaalsiyeemiin mlgrm 632
•Sibiilli miligiraama 11.83 ta’a
•Maagniziyeemiin mlgim 259
•Foosfarasii mlgrm 104
•Pootaasiyeemii mlgrm 1020
•Soodiyaamii mlgrm 277
•Ziinkii miligiraama 2.32
•Kooppaar mgirm 0.368
•Mangaaniziin mlgrm 60.127
•Seeleeniyeemima mlgrm 7.2
•Vitamin C 0.2 mg
•Vitamin B1 0.158 mg
•Vitamin B2 0.22 mg
•Vitamin B3 mlgrm 1.56
•Vitamin B5 mlgrm 0.509
•Vitamin B6 mlgrm 0.391
•Fooleetii mykrgrm 25
•Kooliin mlgrm 37.4
•Vitamin A 160 IU
•Beetaa-karootiinii mykrgrm 45
•Vitamin E mlgrm 8.8
•Vitamin K mykrgrm 141.8 .
Qurunfuliin qabiyyee fayyaa keenyaaf bu'aa, guddaa qaban Of keessaa qaba kanaaf wantoota nu sirriitti itti Fayyadamuu qabnu keessaa isa tokko,

Qurunfuliin akkuma faayidaa qabu miidhaas qaba akk

06/10/2025

Kutaa sadaffaa Biqiltuu Ebichaa yoka giraawwaa.

Biqiltuun Ibichaa Maqaan isaa ingiliffaan "Bitter Leaf" Maqaa saayinsiin kanneef ammoo (Vernonia amygdalina) jedhamuun beekkama biqiltuu qorichaa fi nyaataa Sorataa Afrikaa fi Eeshiyaa keessatti bal’inaan itti fayyadamanidha. Biqiltuun kun akka muka bosonaa qofatti hin ilaalalamuu, faayidaa fayyaa hedduu kan qabu yoo ta’u, vaayitaamiinota, albuudotaa fi kompaawundoota biqiltootaa sochii qaban kanneen fayyaa waliigalaa deeggaran bal’aa waan of keessaa qabuuf, akka soorata faaydaa fayyaa qabutti ilaallamaa.

Barreeffama kana keessatti Viitaaminootaaf Albuudota Biqiltuun kun Of keeysaa qabuu fi faaydaa isaa ibsinaa.

Gatii Soorataa.

Kaalorii 30-50, kunis kaalorii xiqqaa qaba.

Pirootiinii: giraama 2-3, kunis maashaa qaamaa ijaaruuf gargaara.

Kaarboohayidireetii: giraama 5-7, anniisaa qaamaaf kennaa.

Faayibara nyaataa: giraama 2-3, fayyaa sirna bullaa'insa nyaataa jabeeysaa.

Fats : Giraamii 1 gadi waan ta’eef Nyaata onneef bu'aa qabu taasisa.

Vitaaminoonni walii galaa baala isaa keessatti Argamanu kanneen Armaan gadii 👇👇👇

Vitamin A: Fayyaa ijaa fi dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaamaa ni jajjabeessa.

Vitamin C: Ittisa qaamaa fooyyessa, ayirenii qaama keessatti xuuxuuf gargaara.

Vitamin E: farra Antioxidant seelii miidhaa irraa eegaa.

Vitamin K: Dhiigni akka dhangala’uu fi fayyaa lafeef barbaachisaa dha.

Vitamin D: Baay’ina xiqqaadhaan kan argamu yoo ta’u, xuuxamuu kaalsiyeemii keessatti gumaacha qaba.

Vitamin B1 - Thiamine: Meetaaboliizimii fi oomisha anniisaa ni deeggara.

Vitamin B2 (Riboflavin): Fayyaa gogaa qaamaa fi ijaa ni fooyyessa.

Vitamin B3 - Niacin: Fayyaa sirna narvii ni guddisa, Meetaaboliizi akka ni fooyyessa.

Vitamin B5 (Pantothenic Acid): Hormoonii fi anniisa qaamaa uumuuf gargaara.

Vitamin B6 (Pyridoxine): Hojii sammuu fi uumamuu seelii dhiiga diimaa ni guddisa.

Vitamin B7 (Biotin): Fayyaa rifeensa, qeensaa fi gogaatif barbaachisaa dha.

Vitamin B9 (Folic Acid): Fayyaa dubartoota

04/10/2025

FAAYIDAA ZEEYTUUNAA / Shafaafee/ GUAVA
•••••••••••••••••••••••••••••••
✏ Dubartootaaf, ciniinnaa garaa fi laalaa wayta marsaa laguu ni hir'isa. {Keessaafuu baala zeeytuunaa guyyatti yoo fayyadaman (guava leaf extract daily}

✏ Zeeytuunni farra dhippinaati ( anti stress agent)

✏ zeeytuunni dhiitawwuu irgoo fi quncawuu afaaniitiif akkasuma dhukkubbii ilkeetiif dawaadha. (Keessaafuu cuunfaan baala zeeytuunaa).

✏Amala farra kaansarii ni qaba

✏ Dhiibbaa dhiigaa hir'isuuf ni gargaara.

✏ Hamma choolestiroolii qaama keessaa hir'suuf ni gargaara.

✏ Qufaa fi Garaa kaasaa wal'aanuuf

✏ Sukkara qaama keessaa gad buusuuf gahee qaba( dhibee sukkaraaf)

✏ Vitamin C, A, E fi faayberiidhaan badhaadhaadha.

✏ Ammala farra keemikaalota summaawoo qaama keessaa ni qaba(anti oxidant)

✏ dandeetti dhukkuba ofirraa ittisuu qaama keenyaa ni dabala ( boost immunity)

✏ dhibee Tiruu kan (cholestatic liver damage ) jadhamu ittisuuf

✏ijji keenya akka sirritti nuuf arguuf

✏ fayyummaa onnee keenyaaf ni gumaacha.

✏ Fayyummaa rifeensa keenyaa fi foorfooriifillee ni ittisa.( keessaafuu baalli zeeytuunaa)... kkf

Hub : Zeeytuunni firii isaa qofa osoo hin taane, baalli isaatiis faaydaa qaba. Baalli isaa akka shaa'ittiis ni dhugama. Cunfaan baala isaarra dalagamuus ni jira. Ani garuu biyya keenyatti firii isaa malee maloota baala isaa itti fayyadaman arkee hin beeku. Warri beeku yoo jiraate nuuf haa himuu.

01/10/2025

Biqiltuu Cimaa Dhukkuboota Hedduu yaaluuf Tajaajilu ...

Maqaan isaa Afaan Oromoon "Ebicha" jedhamuun Beekkamaa, Afaan Amhaaraan "giraawwaa" jedhamaa.
Biqiltuu kun Baalli isaa dhamdhama
Hadhaa’aa waan qabuuf Afaan Ingiliffaatiin "bitter leaf" yokan baala Hadhaa’aa jedhamee beekamaa.
Biqiltuu kana wanti adda isa Taasisu faaydaa malee Miidhaa hin Qabuu! Akkasumas faayitookeemikaalota fayyaa keenyaaf barbaachisanu 50 ol qabaachuun isaa Biqiltuu wal'aansa fayyaa gatii guddaa qabu isa Taasisee jira.
Qoricha Aadaa Biyyoota Afrikaa fi laatin Ameerikaa, indiyaa fi indooneeshiyaa chaayinaa keessatti ga'ee Olaanaa qabaa.
Biqiltuu kana irraa faaydaa guddaa Argachuuf haala itti fayyadama isaa fi Wantoota itti dabalnee fudhachuu qabnu sirnaan beekuun Dirqamaa, faaydaa isaa fi Haala itti fayyadama isaa Kutaa kutaan adda qoodnee ballinaan isiniif Maxxansinaa..

Faaydaa Biqiltuu yokan muka ibichaa:

1. Namoota dhibee Sukkaaraa qabaniif baayyee Gaariidha Sadarkaa sukkaara dhiigaa to’achuu fi akka Sukkaarri ol hin kaane Taasisaa.
Kompaawundoota dandeettii insuliinii ofirraa ittisuu hir'isuu fi deebii seelonni isaaf kennan fooyyessuu of keessaa qabaa.


2. Fayyaa Tiruu yokan (Liver Health) Cimsaa, Summii Tiruu keeysaa qulqulleeysaa, Vaayireesii fi kkf Tiruun akka hin madoofne ittisaa, faaydaa guddaa qabaa.

3. Dhiibbaa dhiigaa gadi buusaa.
Ujummoolee dhiigaa babal’isuu fi marsaa dhiigaa fooyyessuuf gargaara, kunis carraa dhiibbaa dhiigaa olka’aa hir’isa.
Qabiyyee uumamaa akka dhiigni sirnaan Dhangala'u Taasisu kan of keessaa qabu yoo ta'u, kunis dhiigni akka hin qabamne Taasisaa.

4. Sirna ittisa qaamaa cimsaa.
Antioxidants inflammation hir'isuu fi dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu Qaamaa guddisuuf gargaaraniin kan badhaadhe waan ta'eef
Carraa dhukkuboota daddarboo kan akka busaa qabamuu hir'isa.

5. Fayyaa Garaachaa fi Mar'imaanii Cimsaa, Bokoka garaa yaalaa, nama garaan Baasuu fi nama garaan gogeef Dawaadha.

6. Raammoo Maagaa/wosfaatii fi jarmoota garaa garaa, Mar'imaan keey

29/09/2025

Qoricha Cimaa Mana Keenya Hundatti Argamu

Fayyaa qaamaa fi fayyaa Sammuu keenyaa eeguu, dammaqina Sammuu namaaf kennuu fi dandeettii sammuutti waa qabachuu haalaan namaaf caamsa.

Nuti akka mi'eessituu qifa ta'etti beekna. Garuu qarafaan qoricha cimaadha. Bu'aa isaa dubbisaa! Namaafis godhaa

▰ Nama ammaa amma waa dagatuu fi nama yeroo hojii sammuun jeeqamuu, xiyyeeffannaa dhabuu, fi kkf namarraa ittisa. Keessattuu barattoota qayyabacuu/sammuutti waa qabachuu fi hubachuu keessatti dadhabina qabanuuf qarafaa bunaan wajjiin dhuguun baayyee gaariidha.

▰ Dandeettii waa xinxalluu sammuu keenyaaf dabala. Miira mukaa'uu ykn ussudhuu fi miira hojii jibbuu namarraa balleessa.
Jajjabinaa fi dammaqina qaamaa fi sammuu namaaf kenna.

▰ Dhukkubbii yeroo marsaa laguu, dubartootaa itti dhaga'amu irraa hir'isa. Akkaataan fayyadamaa akka shaayiitti danfisanii dhuguun.

▰ Dandeettii wal-qunnamtii saalaa dhiirotaaf ni dabala. Kunis damma 1kg kolinjaana daakamaa maankaa 4 fi qarafaa daakkamaa maankaa 5 wajjiin ganamaaf galgala nyaachuudhaan fayyadamtu

▰ Dhukkuboota qorraa kan akka qufaa/utaalloo fi saayinasii funyaan namaa ukkaamsu, namarraa ittisa, fayyaa sirnaa hargansuu dabala. Dhukkuba xiichaaf/asmii namarraa hir'isa. Fayyadamni isaa daakuu qarafaa dammaan ykn bunaan wajji dhuguudhuu

▰ Fayyaa garaachaa Cimsa, namoota haqqee/oldeebisaa fi Lolloojjiin itti baayyatuuf dawaadha. Dhukkuba hadhooftuu fedhii nyaataa nama dhoowwitu namarraa balleessa. Akkaataan fayyadamaa akka shaahitti danfiftee dhuguudhaan.

▰ Dhiita/iitaa qaama namaa irratti argamu dhoosuudhaaf= daakuu isaa dammaan laaffistee bakka iitaan jirutti yoo dibatte iitaan qaama kee irra jiru sirraa dhoohee bada.

▰ Dubartoota harmi iitayuu fi dhukkubbii xannachaa kamiifuu akka shaayittu danfisanii dhuguufi dammaan makanii dibachuun faayidaa guddaa qaba.

▰ Dhukkuba cophxoof/dhukkuba dhiiraafi dhukkubbii afuuffee fincaaniif: Ficnaan nama gubu,dugda nama dhukkubu, fincaan ammaa amma nama ariifachiisuuf➖daakuu qaraf

Address

Makahaa Step. 23-8-2018
Mecca

Telephone

+966554923789

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Faxumaa Intalaa Arsii Didaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share