Waajjira CHUO Magaalaa mattuu

Waajjira CHUO Magaalaa mattuu Oromoon koo amantii walii waliif kabajaa oromummaa fi sabboonummaa isaa jabeeffata!

Gurgurtaa siim kaardii fi vaucher card , fi yeroo qilleensaa nu biraa ni argattu.

Yuunivarsiitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnee Manneen Barnootaa magaalaa Mattuuf deeggarsa meeshaalee adda addaa ...
30/07/2024

Yuunivarsiitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnee Manneen Barnootaa magaalaa Mattuuf deeggarsa meeshaalee adda addaa taasise.

Yuunivarsiitiin saayinsii fi teeknoolojii Finfinnee manneen barnootaa magaalaa Mattuuf deeggarsa meeshaalee barnootaaf oolu kennaan arjoomee jira.
Deeggarsi kunneenis Koompuutarpota adda addaa, laaptooppiilee, LCD projecter, DLinker, fkkf qarshii miliyoon 3 oliitti tilmaamamu deeggarsaan laatee jira.
Wal harkaa fudhiinsa meeshaa barnootaa kana irratti kan argaman kantiibaan magaalaa Mattuu Obbo Tashaalee Ejarsoo akka jedhanitti deeggrsa Yuunivarsitichi taasiseef galateeffatanii dhalattoonni magaalichaa bakka adda addaa jiraatan hojii eebbifamaa akkanaa irratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessanii jiru.
Dabalataan Itti gaafatamaan waajjira paartii badhaadhinaa damee bulchiinsa magaalaa Mattuu dhaabbilee fi Yuunivaristiiwwan adda addaa biyya keessaa fi alaa keessa hojjeetaa jiran hundi manneen barnootaa itti baratan yaadachuun deeggarsa taasisuun hagam biyya ofiif quuqama akka qaban kan namatti agarsiisuu dha jedhanii jiru.

Yaada Deeggarsa kana jalqabaa qindeessuu irraa eegalee hanga xumuraatti dhimma kana abbummaan namoota waliin kan qabatanii turan obbo Taamiraat Dagaagaa fi akkasumas Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnee irraa Injinar Geediyoon Admaasuu kan turan Yammuu tahu meeshaalee kanas Geediyoon Admaasuun bakka keessumoonni argamaniitti bulchiinsa magaalaa Mattuutti dabarsanii kennanii jiru.
Teshale Ejerso

24/01/2024
12/12/2023
22/10/2023

Maamiltoota Baankii Siinqee maraaf :- Baankiin Siinqee tajaajila ATM, Mobile banking fi daddabarsa maallaqaa eegaluusaa beeksise.

Onkoloolessa 10/2016 MattuuJiilli hooggansa magaalaa mattuu kabajamoo kantiibaa magaalaa mattuu obbo Girma Tarekegn tiin...
21/10/2023

Onkoloolessa 10/2016
Mattuu
Jiilli hooggansa magaalaa mattuu kabajamoo kantiibaa magaalaa mattuu obbo Girma Tarekegn tiin durfamu guyyaa har'aa bakka hojii qonnaaf qophaaye magaalicha keessaa daawwataniiru.akkasumas hojiiwwan inisheetivii mootummaa lafa qabsiisuuf hojjetamaa jiru hojii industry godoo ganda Taboo dawwwatameera.Hojii qonnaa cinatti shade Inisheetivii industry godoof ijaaramuun waldaalee imx yeroo dhiyoo keessatti hojiitti galchames akka muuxannoo gaarii fi irraa baratamuh danda'utti daawwatamee jira.

25/09/2023
Hojjettoota waajjira chuo magaalaa mattuu.
25/09/2023

Hojjettoota waajjira chuo magaalaa mattuu.

Oduu Muudama Haaraa 1.Takkaa warqinaa I/G/Faayinaansii paartii Badhaadhinaa Damee Godina Iluu Abbaa Boor2.Taammiruu Beza...
19/09/2023

Oduu Muudama Haaraa

1.Takkaa warqinaa I/G/Faayinaansii paartii Badhaadhinaa Damee Godina Iluu Abbaa Boor
2.Taammiruu Bezaabbii I/G/Komunikeeshinii Godina I/A/Boor
3.Faaxumaa Yasuuf I/G/ Daarikteera Sab _qunnamtii fi Siyaasa paartii Badhaadhinaa Damee Godina Iluu Abbaa Boor
4.Hayiluu Bitawoo I/G Daarikteera Ijaarsa partii Badhaadhinaa Godina Iluu Abbaa Boor
5.Faantaayee Asaffaa I/A/Koomishinii fi Naamusa Paartii Badhaadhinaa
6.Lalisaa Bafqaaduu I/G/Paabilisiitii Paartii Badhaadhinaa Godina Iluu Abbaa Boor
7.Habtaamuu Dassaaleeny I/G Darg fi Ispoorttii
8.kaasahun Hayiluu I/G Abbaa Taayitaa Geejjibaa G/I/A/Boor
9.Takkaalinyi Abdiisaa I/G/Albuuda
10. Sukkaaree Mangashaa I/G/Hayyootaa

16/09/2023

"Mucaan ofii raafuu nyaattee rafuuf kaatti
Mucaan ormaa baaduu nyaattee baduuf kaatti." jedhan

Fulbaana 4/2015Mattuu leenjiin koollejjeta poolii teknikii fi BLTO magaalaa mattuu keessatti geggeeffamaa jiru itti fufe...
15/09/2023

Fulbaana 4/2015
Mattuu
leenjiin koollejjeta poolii teknikii fi BLTO magaalaa mattuu keessatti geggeeffamaa jiru itti fufeera. Itti aanaa kantiibaa magaalaa mattuu obbo joonii Tasfaayee fi Itti gaafatamaan waajjira CHUO magaalaa mattuu obbo Kaasahun Guddataa koollejjota lamaanitti argamuun leenjifamtoota kana daawwataniiru. Barbaachisummaa leenjichaas hirmaattota leenjiif ibsaniiru.

Address

Mettu
ILUBBABOR

Telephone

+251912121212

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira CHUO Magaalaa mattuu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share