Tokkoomuufiis Izzaan kan Rabbiiti.

Tokkoomuufiis Izzaan kan Rabbiiti. wal gargaaruun Aadaa Oromoo isa beekkaamaadha.kanaafuu hundi keenya Wal gargaarsa Aadaa Haa godhannu.

19/11/2024


,

✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️

Jiruun mana barnootaa erga taate
nutiis guyyuu barnoota haarawa jiruu irraa baranna,

Jiruun kitaaba banamee taa'u kani keessatti barreessuu dandeenyu akkasuma irraahiis dubbisuu dandeenyuudha.

kitaaba jiruu irraahiis nibarreeffanna,
nutiis irrattiis nibarreeffamna.

Mana barnootaatti baratanii erga baratanii booda qormaata fudhatan,

barnoota jireenyaa ammoo erga qormaata fudhatanii booda barnoota irraa fudhatan.

Jiruun barnoota bilaash*tti namaaf hin kannitu, namni tokko jiruu irraahiin waan kana baradhe yeroo jadhu akka gatii guddaa itti kafale wal nama hin gaafachiisu.

erga kana naaf hubattanii booda
wanti sirritti hubatuu qabdan:

jiruu irraa baratuu irraa gara jiruuf baratuutti cehuutu nuuf irra caala.

haa tahuu malee barachuu fi beekumsa barbaaduu gonkumaa dhiisuu hin qabnu.

Barnoota idileetiin, dubbisuudhaanis ta’e muuxannoo dhuunfaatiinis ta’e, jireenya keenya irraa baratuus ta'e barnoota itti fufuun barbaachisaa dha.

Rabbiin jiruuf baratuu isin haa badhaasu.
By Jemal Aliy Abdula

13/11/2024
13/11/2024
02/11/2024

RAASHIYAAN qabeenya waliigalaa guutummaa addunyaarra jiruu ol ta’uun Google adabe.

Hangi maallaqa manni murtii Raashiyaa Google ittiin adabe jedhe kun baayyee dhaga’amee kan beekamu miti.

Raablii (maallaqa Raashiyaa) andessiiliyoonii lama – lakkoofsa lama zeeroo 36 itti aansuun- chaanaalonni miidiyaaleen mootummaa Raashiyaa akka YouTube irratti hin darbine dhorkuutiin adabeera manni murtii Raashiyaa.

Dolaaraan ammoo kampaniin tekinooloojii guddichi kun $20,000,000,000,000,000,000,000,000,000,000,000 akka kaffalu itti himame.

Kampaniiwwan sooreyyii addunyaa kana keessaa tokko ta’us, qabeenyi waliigalaa Google garuu dolaara tiriiliyoona lamaa ol ta’a jedhamee yaadama.

Akka Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa (IMF) kaa’utti qabeenyi (GDP)n addunyaa waliigalaa dolaara tiriiliyoona 110 ta’a.

Adabbiin manni murtii Raashiyaa Google irratti dabarse kun garmalee guddaa ta’uu isaatiin dubbi-himaan Kireemiliin Dimiitirii Peskoov “lakkoofsa kana dubbisuu hin danda’u” jechuun amane.

Kampanichi hanga ammaatti dhimma kanarratti yaada hin kennine, yookaaan ammoo yaada akka irratti kennuuf gaaffii BBCn dhiyeesseef deebii hin kennine.

11/09/2024

𝐁𝐚𝐫𝐞𝐞𝐝𝐧𝐢 𝐅𝐢𝐱𝐞𝐞𝐧𝐬𝐚

𝖱𝖺𝖻𝖻𝗂𝗂𝗇 𝗌𝗂 𝖻𝖺𝗋𝖾𝖾𝖼𝗁𝖾𝖾, 𝗌𝗂 𝗆𝗂𝖽𝗁𝖺𝖺𝗀𝗌𝖾𝖾 𝗎𝗎𝗆𝖺
𝖠𝖽𝖺𝖽𝗎𝗆𝖺 𝖻𝗎𝗅𝗎𝗎𝗇, 𝗌𝗂𝗋𝗋𝖺𝖺 𝖿𝗎𝗎𝖽𝗁𝖺𝖺 𝖽𝖾𝖾𝗆𝖺
𝖦𝖺𝗇𝖺𝗆𝗇𝗂 𝗄𝖾𝖾 𝗂𝖿𝖾𝖾, 𝖺𝗄𝗄𝖺 𝖺𝖻𝖺𝖺𝖻𝗈𝗈 𝖻𝗂𝗋𝗋𝖺𝖺
𝖦𝖺𝗅𝗀𝖺𝗅𝗅𝗂 𝗄𝖾𝖾 𝗍𝖺’𝗎𝗎, 𝗆𝖺𝗅𝖺 𝖺𝗄𝗄𝖺 𝖺𝗌𝗁𝖺𝖺𝗋𝖺𝖺
𝖠𝗌𝗁𝖺𝖺𝗋𝖺𝖺𝗇 𝗌𝗂’𝗂𝗂 𝗆𝗂𝗍𝗂, 𝗌𝗂 𝗍𝖺𝗁𝗎𝗎 𝖺𝗄𝖾𝖾𝗄𝖺
𝖤𝖾𝗇𝗒𝗎𝗆𝗆𝖺𝖺 𝗄𝖾𝖾 𝗄𝖺𝗅𝖾𝖾, 𝗇𝖺𝗆𝗇𝗂 𝖽𝗂𝗋𝗊𝗂𝗂𝗇 𝖻𝖾𝖾𝗄𝖺
𝖡𝗂𝗒𝗒𝖾𝖾! 𝗆𝖺𝗋𝗊𝖺 𝖻𝗂𝗒𝗒𝖾𝖾!!
𝖶𝖺𝖺 𝗌𝗂 𝗀𝗈𝗋𝗌𝖺𝖺 𝗂𝗒𝗒𝖾𝖾
𝖮𝖿 𝗁𝗂𝗇 𝗃𝖺𝗃𝗂𝗇 𝗍𝖺𝗌𝖺
𝖡𝖺𝗋𝖾𝖾𝖽𝗇𝗂 𝖿𝗂𝗑𝖾𝖾𝗇𝗌𝖺𝖺 (𝟤𝗑)

𝖫𝖺𝖿𝖾𝖾 𝖿𝗈𝗈𝗇 𝗎𝖿𝖿𝖺𝗍𝖾𝖾 𝗅𝖺𝖿𝖺𝗋𝗋𝖺 𝗌𝗈𝖼𝗁𝗈’𝗎
𝖪𝖺𝗇 𝗈𝖿𝗂𝗂𝗇 𝖻𝗎𝖻𝖻𝗂𝗌𝗎 𝗄𝖺𝗇 𝗈𝖿𝗂𝗂𝗇 𝗁𝖺𝗋𝖼𝖺’𝗎
𝖰𝖺𝖺𝗆𝖺 𝖻𝗈𝗈𝗄𝖾𝖾𝗇 𝗆𝗈𝗈𝗍𝗎
𝖪𝖺𝗇 𝗋𝖺𝗁𝗆𝖺𝗍𝖺 𝗆𝖺𝗅𝖾𝖾 𝗃𝗂𝗋𝗎𝗎𝗇 𝗂𝗍𝗍𝗂 𝗎𝗅𝖿𝖺𝖺𝗍𝗎
𝖿𝖾𝖾𝗍𝗎 𝗋𝖺𝖺𝗌𝖺𝖺 𝗈𝗈𝗅𝗂
𝖲𝗁𝖺𝗇 𝗌𝗂 𝗁𝖺𝖺 𝖺𝗋𝗀𝗎𝗎𝖽𝗁𝖺𝖺𝖿 𝗌𝗁𝖺𝗇𝗍𝖺𝗆 𝗀𝖺𝗋𝖺𝗀𝖺𝗅𝗂
𝖣𝖾𝖾𝗆𝗂 𝗂𝗃𝖺 𝖻𝖺𝖻𝖺𝖺𝗌𝖺𝖺,
𝖻𝖺𝗋𝖾𝖾𝖽𝖺 𝗋𝖺𝖺𝗌𝖺𝖺!!!
𝖡𝖺𝗋𝖺𝗋𝗂 𝖺𝗄𝗄𝖺 𝖺𝗅𝗅𝖺𝖺𝗍𝗂𝗂
𝖰𝖺𝖻𝗋𝗂𝗂𝗇 𝗄𝖾𝖾 𝗅𝖺𝖿𝖺𝗍𝗍𝗂
𝖫𝖺𝖿𝖾𝖾 𝗋𝖺𝖺𝗌𝗂 𝗅𝖺𝖿𝖾𝖾 𝗊𝗈𝗋𝖺𝖺𝗌𝗂
𝖠𝗇𝖺𝖺𝗇𝗂𝗒𝗒𝗎𝗆𝗆𝖺𝖺𝖽𝗁𝖺𝖺𝗇 𝗅𝖺𝖿𝖺 𝗇𝗎𝗍𝗍𝗂 𝖽𝗁𝗂𝗉𝗁𝗂𝗌𝗂
𝖬𝗂’𝖺 𝖾𝗋𝗀𝗂𝗌𝖺𝖺𝗍𝗂𝗂𝗇 𝗇𝗎𝗍𝗍𝗂 𝗈𝖿 𝖽𝗁𝖺𝖺𝖽𝗁𝖾𝗌𝗌𝗂
𝖡𝖺𝗁𝖺𝖺 𝗀𝖺𝗅𝖺 𝖽𝗁𝗈𝗈𝗋𝗀𝗂𝗂 𝗄𝖺𝗋𝖺𝖺 𝗇𝗎𝗍𝗍𝗂 𝗃𝗂𝗌𝗌𝗂
𝖪𝗎𝗐𝖺𝖺𝗌𝗂𝗂𝗇 𝗄𝖾𝖾𝗌𝗌𝗂 𝗊𝗂𝗅𝗅𝖾𝖾𝗇𝗌𝖺
𝖡𝗈𝗄𝗈𝗄𝖾𝖾 𝗁𝗂𝗇 𝗁𝖺𝖿𝗎 𝗇𝗎𝗆𝖺 𝗍𝖺𝗇𝖺𝖿𝖿𝖺𝗌𝖺
𝖶𝖺𝗇𝗍𝗂 𝗐𝖺𝖺𝗋𝗎 𝗁𝗂𝗇 𝗃𝗂𝗋𝗎 𝖡𝖺𝗋𝖾𝖾𝖽𝗇𝗂𝗌 𝖿𝗂𝗑𝖾𝖾𝗇𝗌𝖺 (𝟤𝗑)

𝗟𝗮𝗳𝗲𝗲 𝗳𝗼𝗼𝗻𝗶𝗶 𝗳𝗶 𝘂𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗶 𝗯𝗮𝗿𝗲𝗲𝗰𝗵𝗲𝗲 𝗱𝗲𝗲𝗺𝘂𝘂𝗻,𝗳𝗶𝘅𝗲𝗲𝗻𝘀𝗮.

Abdunaasir
Tufaa

09/09/2024

Guutuu Itoophiyaatti barattoota kutaa 12ffaa bara 2016 keessa qoraman keessaa kan darban ykn milkaa’an 5.4% ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Ministirri Barnootaa Pirof Birhaanuu Naggaa firiin qormaata barattootaa kun ifoomuu ilaalchisee ibsa kennaniin, barattoota qormaaticha fudhachuuf galmaa’an kuma 701 fi 749 keessaa barattoonni kuma 684 fi 205 qormaaticha fudhachuu ibsuun, kana keessaa kan darbuu danda’e kuma 36 fi 409 akka ta’e himan.

Firiin qormaataa kutaa 12ffaa baranaa kun kan bara darbee bira qabamee yoo ilaalamu 2.2% dabaleera ykn fooyya’insa argisiise.

Bara darbe barattoota kuma 845 fi 188 qoraman keessaa qormaaticha qabxii darbinsaa 50'n ol kan fidan lakkoofsaan kuma 27 qofa ture.

Bara kana qabxii olaanaan galmaa’e gosa barnootaa ja’a qoraman 600 keessaa ilaalamuun Saayinsii Umamaan 575 yoo ta’uu, Saayinsii Hawaasaan ammoo 538 ta’uu ibsan.

Barattoota guutuu biyyaatti qormaata darban keessaa 10,690 kan ta’an Finfinneerraati.

Naannoo Tigray keessatti garuu gosa barnootaa torba qoramanii 700 keessaa ilaalamuun qabxiin olaanaa galmaa’e 675 ta’uun himameera.

Manneen barnootaa kumni 1 fi 363 barataa tokkooyyuu hin dabarsine ta'uu Pirofeesar Birhaanuun himan.

Naannoo Oromiyaa keessatti manneen barnootaa barataa tokkoyyu hin dabarsiin hafan 553 yoo ta’u, Finfinnee keessatti 4, naannoo Amaaraa 56, Somaaliyaa 156, Tigraay 52, Affaar 33, Beneshaangul Gumuz 35 barattoota tokkoyyu hin dabarsine.

Bara darbe ammoo manneen barnootaa 3,106 barattoota qormaataaf dhiyeessan keessaa manneen barnootaa 1,328 keessa barataa tokkoyyuu hin dabarre ture.

Warri hin qoramiin hafan sababa gara garaatiin barnoota turanii waan jalqabaniif akka hin fudhatiin himuun, warra qoraman keessaa ammoo kuma 29 fi 736 yeroo jalqabaatiif warra karaa oonlaayinii qoramanidha jedhan.

Ajandaa ISINIIF darbanii Hanga isin Ajendaa san oliif gadi qabdanii,mormitanii mokkortanitti ,ABBAAN AJANDAA ISINIIF BOC...
27/08/2024

Ajandaa ISINIIF darbanii Hanga isin Ajendaa san oliif gadi qabdanii,mormitanii mokkortanitti ,ABBAAN AJANDAA ISINIIF BOCE/TOLCHE,HIJII ISAA FIXATE

Address

Hirna

Telephone

+251713148646

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Tokkoomuufiis Izzaan kan Rabbiiti. posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Tokkoomuufiis Izzaan kan Rabbiiti.:

Share