07/05/2026
garaa dinagdeetii,
Sabboonummaan siyaasa qofaan ijaaruun hin dandahamatu. Sirni dinagdee Oromoon wal-deeggaru (Oromummaa-centered economy) yoo ijaarame, kun humna keenya tokkummaan akka tursiisu taasisa.
Sabboonummaan garaa dinagdeetii jechuun, beekumsa, dandeettii fi qabeenya qabanitti fayyadamuun diinagdee sabni tokko of danda'uufi guddachuu danda'u ijaaruu jechuudha.Of-danda'uu jechuun
Oomisha mataa keenyaa oomishuun, humna namaa fi qabeenya uumamaa qabnuun madda galii keenya mirkaneeffachuu, Sabboonummaan lallaba qofa osoo hin taane, hojii ijaarsaa fi calliinsaan diinagdee cimaa ijaaruudha,Dhimmoota sadii (jireenyaa, hojii fi guddinaa) irratti xiyyeeffachuun sabboonummaa Oromoo Sadarkaa biyyaati ijaaruu feesisa,
Sabboonummaa garaa dinagdeetii cesisuun (ykn sabboonummaa dinagdeen utubuu) jechuun qabsoo siyaasaa duraan ture gara sadarkaa hojii qabatamaa, guddina dinagdee fi beekumsaatti ceesisuudha. Kunis sabni sirna keessatti gahee olβaanaa fi bifa adda taheen jijjiiramaa haqaa qabeessaan bu'aa ummataa fi mirkaneessuufi.
Guddina dinagdee hunda-galeessa
Sabboonummaan dinagdee (economic nationalism) aadaa, seenaa, fi eenyummaa saba tokkoo diinagdeen ijaaruuf itti fayyadamuun badhaadhina walo mirkaneessuufi akka sabaati waan nun maluu argachuuf,
Akkasummas sabboonummaan barnootatis murteessadha
Beekumsaa fi teeknooloojii
Sabboonummaan barnoota, teeknooloojii fi aadaa hojii jabaa irratti utubamee ijaarrachuu, Sabni rakkoo dinagdee ofii furuun, hojiiwwan hojjetaman dandeettii fi dhimma dhuunfaan utubamee dhaloota boruuf sirna jabaa dhaabuufi hegere biyyaa murteessuudha,
Oomishaalee keessoo jajjabeessu
Sabboonummaan ummanni oomishaalee biyya keessaa akka bitu, aadaa fi dantaa saba isaaniif yaadan jajjabeessa. Kun ammoo dinagdee biyya keessaa guddisuuf gargaara. Sabboonummaan guddina dinagdee fi misooma sabaa fiduuf, akkasumas fayyadamummaa sabaa mirkaneessuuf shoora guddaa qaba.
Sabboonummaan dhugaa faayidaa dhuunfaa irra dantaa waloo fi sabaa waan dursuuf dantaa dhuunfaa irra dantaa sabaatif duras kennuun misooma dinagdee fiduuf gargaara.
Kana jechuun qabsoon godhamtuu
Birmadummaa dinagdee Sabboonummaan hiree ofiin murteeffachuu mirkaneessuun, birmadummaa dinagdee fi siyaasaa qabaachuuf gargaara waan taheef,
SIYAASAA FI SABBOONUMMAA,
Siyaasaa fi sabboonummaan dinagdeen hin utubamin (hin deeggaramin) galma gahuu ykn milkaa'uu akka hin dandeenye hayyoonni fi xiinxaltoonni siyaasaa hedduun ni ibsu,Sabni tokko karaa dinagdee yoo hin jabaanne, bilisummaa siyaasaa guutuu qabaachuun itti ulfaata,yeroo hunda hirkattummaan jiratuu, Siyaasni fi dinagdeen akka "huccuu fi qaamaa" waan walitti hidhamaniif, sabboonummaan saba tokkoo gara qaroominaatti akka ce'uuf humna diinagdee ijaaruun dirqama,
UTUBAA SABBOONUMMAA,
Sabboonummaan miira qofa osoo hin taane, dinagdee, barnootaa fi teeknoloojiidhaan utubamuu qaba. Sabboonummaan dinagdee dhabe gabaa fi siyaasa addunyaa keessatti dandeettii dorgommii hin qabaatu, Siyaasni humna madda galii (resources) irratti murteessadha. Dinagdee jabaa dhabuun dandeettii dantaa uummataa kabachiisuu fi sagalee siyaasaa qabaachuu ni laaffisa,Ijaarsi dinagdee shoora olaanaa qaba; kanaan alatti qabsoon siyaasaa jijjiirama bu'uuraa fiduu hin danda'u
Hirkattummaa diinagdee?
Sabni diinagdeen hin cimne saba biroo ykn nama bira tokkoo irraatti kan hirkattu yoo tahee, kunis bilisummaa isaatti dhiibbaa fida,dhiibbaa fidu qofaa osoon tannee akka sabni ofi amanee ofitti abdatee akkan jiraanne godhuu dandayaa,
Akka jecha warra adiiti "Garaa duwwaa addunyaa bilisummaa qabdu ijaaruun hin dandaamuu jechudha, diinagdeen yoo hin cimne bilisummaan hin yaadamu,Tokkummaa dhabuun misooma diinagdee, barnootaa fi hawaasummaa ammaa guddichaa jirtuuf dhiibbaa guddoo qaba,kanaf dammaqinaan jabaachuu fi hojjechuu nu feesisaa kanaf sabboonummaa miiraa san garaa sabboonummaa dinagdeetii ceesisuun murteessadha,
Gabaabumatti, sabboonummaan aadaa fi dantaa saba ofii kabachiisuu fi misooma dinagdee saba ofii jajjabeessuun guddina dinagdee fiduu danda'adha,Bilisummaan siyaasaa qofa bilisummaa guutuu ta'uu hin dandeessuu ,diinagdeen yoo laafe, humni siyaasaas dhiibbaa keessa gala
Kun akkan tanneef humnaa sabboonummaa garaa dinagdeetii yoo kana jijjiruu tahee namnii cahee nu dhaqqabuu tokkolleen hin jiruu jechuu,
Walumaa galatti, bilisummaan siyaasaa fi diinagdee waliin yoo hin adeemni bilisummaan guutuu ta'uu hin dandeehu
Sabboonummaan guddina dinagdee fi misooma sab-daneessaa madaallii isaa eeggatee fi biyya badhaate ijaaruuf gargaara, sabboonummaa fi misooma sab-daneessaa akka biyyaatii godhamuu keessaa qodaa nuun maluu argachuuf mamii tokko malee irraatti hirmachuu nuu feesisaa jechuu,
Oromoon Sirnaπͺ
Jaarraa Araarsaa βοΈ
Fugug bahaa oromiya
Kutan 3ffaan itti fufa........